Namni yakka suukaneessaa abbaa manaa isaa irratti raawwate murtiin du'aa itti murtaa'e.
"Himatamaan foon namaa mummure murtiin du'aa itti murtaa'e" jedha odeeffannoon Ministeera Haqaa irraa argame kun.
Himatamaan kun Tsaggaayee Boggaale Bayyanaa jedhama.
Kutaa bulchiinsa Boolee aanaa 04, naannoo Arsema Tsebel jedhamutti, Hagayya 27, 2014 tilmaamaan guyyaa sa'aatii 5:00 irraa hanga Hagayya 28, 2014 sa'aatii 12:30tti haadha warraa isaa osoo isheen hin argin duuban dhufee uleen mataa dhahee of wallalchisuun ajjeese.
Booda achitti dhiisee manaa bahee sa'aatii muraasa booda deebi'ee bakka isheen itti kufte harkisuun gara mana fincaanii mana keessa jiruu geesse.
Sana booda miila ishee tokko irraa muruun hamma lafeen qofti hafutti foon irraa baasuun cicciree mana fincaaniitti gate.
Miila ishee murame bakka lamatti cabsuun feestaalaa keessa kaa’ee, rifeensa ishees irraa haaduun, qaama ishee hafe immoo huccuu fi meeshaalee adda addaa irra kaa'uun hanga guyyaa 30/12/2014tti mana fincaanii keessa kaa'uun akka waan tokkoollee hin uumamnetti mana keessa bulaa ture.
Booda guyyaa 1/13/2014 hanga 16/1/2015tti mana isaa cufee baduu isaa irraa kan ka'e Komishiniin Poolisii Finfinnee qorannoo eegale.
Namni dhuunfaa kunis Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaa keessatti yakka dubartootaa fi daa'imman irratti raawwatamuun Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaa Kutaa 2ffaa Ajjeechaa fi reebicha cimaan himatamuun falmiin irratti taasifamaa tureera.
Adeemsa falmii kana keessatti ragaan abbaa alangaa erga dhaga’amee booda himatamaan ofirraa ittisuuf murtiin kennamuufis ofirraa ittisuu hin dandeenye.
Haala kanaan manni murtii himatamaa kana yakkamaa ta’ee waan argeef hidhaa umurii guutuu akka itti murtaa’u murteessee.
Garuu ol’iyyannoo abbaan alangaa dhiheesseen Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa murtii Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa hidhaa umurii guutuu itti murteesse kuffisuun murtii du’aa itti murteessee jira.
@tikvahethafaanoromoo

👍119😢20❤13👏9🔥2
Shakkamtuun yakka ajjeechaa sukaneessaa daa'imman irratti raawwatte turte hidhaa umrii guutuun adabamte.
Godina Baale Bahaa aanaa Daawwee Qaachanitti dubartiin maqaan ishee Ibsituu Ahimad jedhamtu inaaffaadhaan kaka'uun daa'imman umuriin isaanii waggaa shan ta'e lama laga Weebitti darbuudhaan ajjeeste hidhaan adabamte.
Yakki kun kan raawwatame ALI Fulbaana 26, bara 2017 aanaa Dawwee Qaachaan bakka addaa Laga Weeb jedhamuun beekamutti.
Himatamtuun kun yakka kan akka raawwattuuf ka'umsa kan ta'e abbaan warraashee haadha manasaa duraa waliin araaramuu hordofeeti.
Abbaan warraa ibsituu kana duraa haadha manaa biraa qaba ture, isheedhaan wallolee jennaan Aadde Ibsituu fuudhe. Amma ammoo abbaan warraashii kuni boodarra haadha warraa duraa waliin araarame jennaan inaaffaadhaan yakka kana dalaguu amantee jirti.
Himatamtuun abbaan warraa ishee haadha warraa duraa waliin maaliif araarama jechuun haaloo itti qabatte. Kanaafis daa'ima waggaa shanii kan abbaan warraashii haadha warraa duraarraa argate bakka taphachaa jiruu fuudhuun Laga Weebiti darbitee ajjeeftee jirti.
Daa'imman waggaa shanii kana laga Weeb geessuun yeroo laga guutee jirutti darbitu daa'imni obboleettii haadha warraashii kan umuriin waggaa afurii hanga shanii gidduu ta'us waliin waan tureef 'galee maatitti himuu danda'a' yaada jedhuun isas dabaltee lagatti darbuun galaafachu himameera.
Qorannoo yakkaa taasifameen booda manni murtii seera Yakkaa 539/1Atin himatamtuun kun yakkamaa taatee argamtee jirti.
Manni murtii Olaanaa Godina Baale bahaa dhaddacha Amajjii 15, bara 2017 ooleen himatamtuu daa'imman lama lagatti darbuun ajjeeste hidhaa umurii guutuutiin akka adabamtu murteessuu himan Obbo Abbabaan.
Lagni Weeb kun laga guddaa ta'uusaatiinii fi yeroon yakki kun itti raawwatames yeroo lagni guutuutti waan tureef reeffi daa'imman lamaan kanaa osoo hin argamin hafeera.
(komunikeeshinii G/Baalee/Bahaa)

👍36😢19❤5🥰1
Galmaa'aa!
Iyyattoonni dhuunfaa bara 2017 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa #irra_deebiin fudhachuu barbaaddan toora interneetii irratti galmaa'aa!
Iyyattoonni dhuunfaa kanaan dura qormaata ba’iinsa kutaa 12ffaa sagantaa idileetiin fudhattanii, qabxii darbiinsaa kan hin arganne fi qormaata kana irra deebiin kanneen fudhachuu barbaaddan galmaa’uu ni dandeessu.
Galmaa'uuf linkii https://register.eaes.et/Online jedhutti seenuun "Apply Now" erga tuqanii booda Unkaa sirriti guutudha.
Kaffaltii galmee Birrii 750 teelebirrin kan kaffalamu ta'a.
Guyyaan xumura Galmee
Kibxata, Ammajjii 20, 2017 dha.

👍40❤6👎1
#Hamaas
Dhaabbanni basaasa Ameerikaa akka jedhutti Hamaas erga waraanni Gaazaa jalqabee loltoota haaraa kuma 15 bobbaasee Jira.
Hidhattoota waraana kana irratti hirmaatan kuma 25 keessaa gara kuma 20 akka ajjeefaman gabaafame jira.
Israa'el gama isheetiin, Hamaas hidhattoota bobbaase ''bakka itti leenjisu ykn meeshaa itti hidhachiisu hin qabu'' jetteetti.
Hamaas miseensota haaraa qacaruun milkaa’aa yoo ta’u, hedduun isaanii dargaggootaa fi leenjii kan hin qabne , ergama nageenyaa salphaa irratti bobba’aniiru jechuun Rooyitars gabaaseera.
Dhaabbata nageenyaa Ameerikaa irraa maddeen kongiresii lama dhimmicha irratti ibsa kennan gareen Iraan deeggaramu kun Israa’el irratti balaa ta’uu itti fufuu akka danda’u Rooyitarsiif himan.
Yeroo kana keessatti qabsaa’onni Hamaas lakkoofsi walfakkaataan ajjeefamuu isaanii odeeffannoon kun ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun, Ministirri Dhimma Alaa duraanii Antony Blinken torban tokko dura akka jedhanitti, Hamaas loltoota haaraa Gaazaa keessatti olaantummaa argachuuf bobbaasa jira.
Gabaasni Israa’el kanaan dura baaseen hidhattoota Hamaas 25,000 booji’aman keessaa 20,000 waraana kanaan akka ajjeefaman ibsuun isaa ni yaadatama.

👍24❤2👎2
#ExitExam
Qormaanni ba'iinsa /Exit-Exam/ yunivarsitii walakeessa waggaa Ammajjii 26-30/2017 akka kennamu Ministeerri barnootaa beeksise.
Qorumsi ba’iinsa kun warra haaraa fi irra deebiin qoramuuf iyyataniif kennama.

👍19❤5🥰4🔥3👎1
#NewsAlert
Sa'aatii muraasa dura naannoo Awaashitti kirkirri lafaa guddaan mudateera.
Sochiin kun Finfinnee fi magaalota biroo keessatti dhagahameera.
Miseensonni maatii jecha isaanii nuuf ergan " kan har'aa baayyee sodaachisaa ture. Yeroo dhiyoo asitti irra deddeebiin hir'atee ture. Har'a akka tasaa haala baayyee sodaachisaa ta'een nutti dhaga'ame" jedhaniiru.

👍31😢8🥰2
Waldaan Qaxxaamura Diimaa mana barumsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti si’a duraatiif eegalsiise.
Manni barumsichaa magaala Finfinnee naannoo Saariis jedhamutti ijaaramuu ifoomeera.
Dhaabbatichi sirna eegalsiisa mana barumsichaa guyyaa har’aa gaggeesseera.
Gosoonni barnootaa sagal qophaa’uufi semisteera lamaan waggaa tokko keessatti diiploomaan akka xumuramus eerameera.
Manni barumsichaatti dhaloota haqaafi hawaasa nagaatti amanu qaruu yaadamee ijaaramuu himameera.
Pireezidaantiin Qaxxaamura Diiimaa dhaabbatichaa Obbo Abarraa Tolaa, haasaa taasisaniin, waraana naannoo Tigraay keessatti waggaa lama dura mudateen manneen barnootaa miidhamuu dubbateera. Manneen barnootaa amma ijaaraman kunneen “manneen barnootaa sababa waraanaatiin diigamaniif yaadannoo” akka ta’an pireezidaantichi eereera. #AS

👍28❤3
Lammiileen Falasxiin ji'oota 15 booda yeroo jalqabaaf gara kaaba Gaazaatti deebi'aa jiru.
Israa’el waraana ji’oota 15 booda yeroo jalqabaaf Falasxiinonni gara Kaaba Gaazaa diigamtetti akka deebi’an hayyamuuf Hamaas waliin dhukaasa dhaabuuf waliigaltee irraa gaheera.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu kun lola Israa’elii fi Hamaas jidduutti geggeeffamaa jiru xumuruu fi namoota haleellaa Onkoloolessaa keessatti booji’aman gadhiisuuf kan akeekedha.
Kana hordofuun lammiileen Falasxiin kuma kudhaniin lakkaa’aman waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin gara Gaazaatti yaa’aa jiru.
Gaazaan digamusi, Falasxiinoonni waggaa tokkoo oliif kaampii dunkaana keessa dhokatanii turan gara biyyaatti deebi’uuf fedhii guddaa akka qaban Ejensiin Prees gabaaseera. #WT

👍28❤8👏2🥰1
Dhaabbatni Itiyoo-Injinariing konkolaattoota elektirikaa oomishuuf karoorfachuu ibse
Dhaabbatni Itiyoo-Injinariingi Giruup bara dhufuu eegalee konkolaattoota elektirikaa Itoophiyaa keessatti oomishuuf karoorfachuu hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoon ibsan.
Dhaabbatichi konkolaattoota humna elektirikaan socho’an biyya keessatti oomishuuf qophii dandeessisu taasisaa jiraachuu himaniiru.
Albuudni galtee baatirii konkolaataa elektirikaa oomishuuf oolu Liitiyeemiin Itoophiyaa keessatti bal’inaan kan argamu ta’uu Ambaasaaddar Suleeyimaan ibsaniiru.
Albuudni kun hanga ammaatti dheedhiin isaa alatti ergamaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhaabbatichi yeroo ammaa Teeknooloojii Albuudicha calaluu danda’u barbaadaa akka jiru dubbaaniiru.
Dhaabbatichi ogeeyyii muuxannoo olaanaa qaban 550 qabaachuus eeraniiru.

👍17❤2👏2
Abbootiin Gadaa Karrayyuu hidhamanii achi buuteen isaanii dhabamee ture gadhiifamaniiru.
Abbootiin Gadaa Karrayyuu fi jaarsolii biyyaa 20 ta'an hidhaa guyyoota 21 booda gadhiifamuu isaanii ibsameera.
Abbootiin Gadaa fi manguddoonni kunneen baatii tokko dura sirna buttaa qaluu erga raawwatan booda kan fudhataman yoo ta’u, sababiin hidhamaniif “maaliif hidhattoota WBO galchuu diddan” jedhamanii akka ta'ee maatii irraa dhagahameera.
Miseensota Gadaa Michillee hidhaa guyyoota booda gadhiifaman keessaa Roobaa Jiloo Jeenboo, Gurroo Roobaa Hanbuu fi Haldaggoo Fantaallee jedhaman kan argaman yoo ta’u, jaarsolii biyyaa irraa Abbabaa Abbulloo, Qoonjoo Jiloo Godeetti, Umaar Roobaa Ayyaanaa, Hawee Jiloo fi kanneen biroo argamu.

👍32❤10🥰4👏3
Baaburaa Itiyoo-Jibuutii imaluuf Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa dirqama ta'uuf jira
Dhaabbanni Aksiyoona baaburaa Itiyoo-Jibuutii ji'a Gurraandhala 2017 irraa eegalee imaltoonni sarara baaburaa Itiyoo-Jibuutii fayyadamuuf waraqaa eenyummaa dijitaala Faayidaa qabaachuu akka qaban ibseera.
Hojii gaggeessaan olaanaa, dhaabbatichaa Injiner Taakkala Uumaa Gurraandhala 2017 irraa eegalee tajaajilli onlaayiniidhaan maamiltoota iddoo qabsiisuun akka eegalu ibsaniiru.
Haala kanaan, Tajaajila qulqullinaa fi imala si'ataa ta'e kennuuf, odeeffannoo imalaa sirrii ta’e beekuu fi imala rakkoo irraa bilisa ta’ee mijeessuuf, akkasumas imaltoota iddoo qabsiisuufis ta’ee imaluuf waraqaa eenyummaa biyyaalessaa(Faayidaa) qabachuu akka haal-dureetti akka ka'ame ibsaniiru.
Baaburichi Ji’oota 6ln darban keessatti imaltoota kuma 639 fi meeshaa fe'uumsaa Tooniibkuma 934 fe'uusaa odeeffannoon Ministira Geejjibaa fi Loojistikii irraa argame ni mul'isa.

👍24❤2
#Finfinnee
Ragaan barnoota hojjattoota mootummaa 90,000 ol sakatta'amuufi
Biiroon Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ragaa barnootaa hojjattoota fi hoggantoota waajjiraalee mootummaa 90,000 ol ta'an yeroo gabaaba keessatti qulqulleeffachuuf qophaa'uu ifoomse.
Ragaan barnootaa hoggantootaa fi hojjattoota 90,000 oli qulqulleessuun ragaa sobaa adda baasuuf karoorfachuu Itti gaafatamaan Damee Hoggansa Qabeenya Namaa Obbo Malaakuu Taammiruu himaniiru.
Gochaan kunis kenniinsa tajaajilaa magaalattii foyyeessuu keessatti gahee guddaa qaba jedhameera.

👏35👍19❤2