Telegram Web
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Arsii_Lixaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti balaan Ibidda Bosonaa mudateera. Balichi aanicha ganda Gootuu Olomaa bosona gaara Abaaroo jedhamuutti kaleessa guyyaa sa'aatii 10:00tti mudachuun ibsameera. Ibiddicha dhaamsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun…
Balaan ibiddaa Aanaa Wandootti gahee ture too'atame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandoo Ganda Gootuu Onoomaatti guyyaa kaleessaa sababa gogiinsaatiin balaan ibidda fiixee gaara Abaaroo irratti uumamee ture too'atameera.

@tikvahethafaanoromoo
👍24🔥12👎54🥰3
TIKVAH AFAAN OROMOO
#TikTok Tiktok Ameerikaa keessatti Dilbata dhufu irraa eegalee murtee akka ugguramuu ykn Ameerikaaf akka gurguramu jedhu manni murtee Ameerikaa raggaasiseera. Har’a Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera federaala Tiktok US keessatti akka cufamu ykn akka gurguramu…
TikTook Ameerikaa keessatti hojjatuu eegaleera.

TikTook uggura sa'aatii muraasaa booda dhiibbaa pireezidaantii filatamaatiin Ameerikaa keessatti gara hojiitti deebi'eera.

Pireezidaantiin filatamaan guyyaa boruu aangoo kan fudhatan yoo ta'u, haaluma kanaan Tiraamp yeroo ani aangoo fudhadhu kanatti Tiktok akka ugguramu hin barbaadu jechuin yaada kennuu isaanitiin tiktok akka hojiitti deebi'u taasifameera.

@tikvahethafaanoromoo
👍5211👎8
"Saala lama qofatu jira. Innis dhiiraa fi durba dha" - Pirezidaanti Tiraamp

Pirezidaantiin Ameerikaa 47ffaan Doonaald Tiraamp guyyaa har'aa erga aangoo qabatanii booda hojiiwwan gurguddoo hojjatan keessaa tokko biyyattii keessatti saala dhiiraa fi dubaraa qofaaf beekamtii kennuudha.

Kunis yeroo aangoo Pirezidaantii duraanii Joo Baayiden turetti eegumsa namoota saala jijjiirrataniif(transgender) kennamu kan haquu dha.

Dhiiraa fi dubartoota qofaaf beekamtii kennuun ajaja Tiraamp keessaa isa barbaachisaa ta’uun beekameera.

Tiraamp yeroo kakatanitti, "Har'a irraa eegalee / kana booda / imaammanni mootummaa Ameerikaa saala lama qofa, dhiiraa fi dubaraaf beekamtii kan kennuudha" jechuun mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaaan Pirezidaanti Tiraamp, namoonni saala isaanii jijjiirratan ispoortii dubartootaa irratti akka hin hirmaanne ajaja dhorku ni baasu jedhamee eegama.

#USA #PresidentDonaldTrump

@tikvahethafaanoromoo
81👍40👏13🔥4
"Hijaaballe ni uffatti barnoota ishees ni baratti" - Hiriirtota

Manni maree dhimmoota Islaama Tigraay dhorgaa hijaabaa waliin wal qabatee murteen mana murtii fi biiroo barnootaa hojirra akka oolu gaafachuu hiriira nagaa adeemsisaa jiru.

Hiriira nagaa dhaadannoo "Hijaaballe ni uffatti barnoota ishees ni baratti" jedhuun manni marichaa waame irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman argamaniiru.

Hiriirtonni kunis dhaadannoo:

- Barattoonni Musliimaa dubaraa gara kutaa barnootaa haa deebi'an!

- Heerri biyyaa haa kabajamu!

- Ajajni mana murtii haa kabajamu!

- Nagaa fi Haqni Tigrayiif! Jechuun qabatanii bahaniiru.

Suuraa - TV Tigrai

@tikvahethafaanoromoo
👍5816🔥5🥰3👎2
"Yoo xiqqaate lammiilen Itoophiyaa 20 du'an":-IOM

Bidiruun Jibutiirraa godaantoota feetee gara Yamanitti imaltu dhidhimuu hordofee lammileen Itoophiyaa 20 du'uu Dhaabbanni Godaansa Addunyaa (IOM) beeksise.

Bidiruun godaantoota feete kun Sambata darbe gargaluun lammilee Itoophiyaa- dubartoota 9 fi dhiiroota 11 du'aniiru.

Dhaabbanni IOM akka ibsetti, bidiruu lammileen Itoophiyaa 35 feete kana kaapteenii lammii Yaman oofaa kan ture yoo ta'u, bakka Al- Hajjaa jedhamutti erga dhiyaatani booda bidiruun dhidhime.

Lammileen Itoophiyaa 15 fi lammileen Yaman bidiruu sana hoofaa turan lama lubbuun oolaniiru.

IOM akka jedhutti, sababa bubbee hamaatiin bidiruun Jibutii, kaate kun dhidhimuu hin oolle jedhe.

Dhaabbatichatti hogganaan damee Yaman Abdusattor Isoyiv, taatee gaddisiisan kun godaantonni jiruu fooyyee barbaacha ''haala hamaa keessa darban nu yaadachisa'' jedhan.

@tikvahethafaanoromoo
👍36😢259🔥3
Manni maree bakka bu'oota uummataa muudama adda addaa raggaasise

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa yaa'ii idilee 16ffaa bara hojii 4ffaa har'a gaggeesseen muudama adda addaa raggaasiseera.

Haaluma kanaan

1 - Aadde Simany Wubee Abbaagaar olaantuu Dhaabbata Abbaagaar Uummata Itiyoophiyaa

2- Doktar Yeneeneh Simany itti aanaa Abbaagaar Dhaabbata abbaa gaar Uummata Itiyoophiyaa

3- Obbo Abaayneeh Adetoo Dhaabbata Abbaa gaar uummata Itiyoophiyaatti abbaa gaar damee ta'uun muudamaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
👍303😢3
Guyyaa hojii jalqabaa Tiraampiin godaantonni eeyyama hin qabne 500 tahan to'ataman

Donaaldi Tiraamp aangoo fudhatanii sa'atii 33 keessatti yakkamtoonni eeyyama hin qabne 500 tahan to'annoo jala ooluu Pirees Sekireetariin Waayit Haawus haaraa Kaarolaayiin Leeviit himan.

Af-gaaffii miidiyaa Newsmax jedhamuuf kennaniin Leeviit qondaaloti To'annoo Daangaa fi Godaantotaa, ''hatattamaan hojiitti deebi'anii, yakkamtootaafi kanneen seeraan ala as jiran,'' biyyaa baasuu eegalaniiru jedhan.

Kanneen to'annoo jala oolan, ''gara biyyasaaniitti ergamu,'' jedhan, ''balaliin xiyyaarraa biyyatti isaan deebisu hojii jalqabeera,'' jechuunis dubbataniiru.

Odeeffannoon dabalataa kenname garuu hin jiru. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
👍39😢12👎42
2025/07/13 21:20:28
Back to Top
HTML Embed Code: