Telegram Web
TIKVAH AFAAN OROMOO
Aksuumitti barattoonni hijaaba uffatan gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkaman Naannoo Tigraay godina Giddugaleessaa magaalaa Aksuumitti barattoonni “hijaaba uffatanii gara mana barnootaa akka hin galle dhoorkamaniiiru. Gochaan kuni “walabummaa barnootaafi…
#Update

Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan

Barattoonni Muslimaa kutaa 12ffaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.

Barattoonni kunniin manneen barnootaa magaalattii keessatti hijaaba yoo ofirraa baasan malee qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne isaan dhorkan. Kunis seera amantaa isaanii kan cabsu ta’uu himaniiru.

Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko maqaa yaada Addis Standard’tti laatteen, “Amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.

Barsiisaan magaalaa Aksum irraa Addis Standard dubbise tokko, galmeen barattoota idilee kutaa 12ffaa qaamaan gaggeeffamu torban darbe xumuramuu isaa mirkaneesseera.

Haa ta’u malee, galmeen karaa manneen barnootaan toora intarneetii irratti gaggeeffame ifatti kaleessa sa’aatii 10:00 xumuramuu hime.

Barattoonni kunneenis Osoo hin galmaa'in akka hafan ibsameera. #AS

@Tikvahethafaanoromoo
👍50😢35👎63
#Ameerikaa #LosAnjalas

Sababa ibidda bosona Los Anjalasitti to’annaan ala ta’een yoo xiqqaate namoonni 16 du’uun isaanii mirkanaa’ee, namoonni kuma 137 ol ta'an ammoo bakka sanaa godaananii jiru.

Manni namoota hedduu barbadaa'ee jira.

Miidhaan balaa ibiddaa bosona kanaan qaqqabe doolaara biiliyoona 135tti kan tilmaamamuu fi ni dabala jedhamee eegama.

Tattaaffiin ibidda kana to'achuuf godhamu itti fufus, iddoo beekkamaa fiilmii fi sagantaaleen TV Ameerikaa itti hojjetamani "Hollywood"tti dhihaachaa akka jiru himameera.

Guyyoota dhufan keessatti maaltu akka ta'u tilmaamuun kan hin danda'amne ta'us, jiraattonni akka baqatan ykn akka ba'uuf qophaa'an itti himamuu BBC'n gabaaseera.

@tikvahethafaanoromoo
👍558😢8🔥5🥰5
" Barataan hin galmoofne hin qoratamu" - Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaata

Galmeen barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa, bara 2017tiif taasifamu Kibxata, Ammajji 6, 2017 guyyaa keessaa sa'aatii 11:00tti akka xumuramu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksise.

Barattoonni sababoota adda addaatiin hin galmoofne guyyoota lamaan hafan kana qofatti akka galmaa'an dhaamaniiru, "kanneen hin galmoofne hin qorataman" jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo
👍18👎73😢2
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Ameerikaa #LosAnjalas Sababa ibidda bosona Los Anjalasitti to’annaan ala ta’een yoo xiqqaate namoonni 16 du’uun isaanii mirkanaa’ee, namoonni kuma 137 ol ta'an ammoo bakka sanaa godaananii jiru. Manni namoota hedduu barbadaa'ee jira. Miidhaan balaa ibiddaa…
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota

Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne.

Haga Ammaatti naannoon Los Anjalas 3 gubataniiru.

Yeroo ammaa ibiddi guddaan kan jiru Palisadas yoo ta’u, lafa hektaara 9,307 kan gubee fi dhibbeentaa 11'n to’atameera.

Ibiddi Iiton isa 2ffaa yoo ta’u, lafa hektaara 5,665 ol gubeera. dhibbeentaa 27 to'annoo jala ooleera.

Ibiddi Heerast guutummaatti too'annaa jala kan oolee yoo ta'u, lafa hektaara 323 gubee jira.

Gareen balaa ibiddaa ibidda guddaa kana to'achuu jalqabaniiru, garuu qondaaltonni bubbeen itti fufee jiru ''haala qilleensaa balaa guddaa geessisuu akka danda'uu fi naannoon Los Anjalas guutuu balaa ibiddaaf saaxilamuu akka danda'u akeekkachiisaniiru."

Ibiddi kun seenaa Ameerikaa keessatti balaa guddaa kan geessise jedhamuuf dhihaateera.

Dhaabbanni dhuunfaa tilmaamaa "Akuweezar" jedhamu qabeenyi sababa ibidda kanaan dhufu doolaara biiliyoona 250 hanga 275 akka ta'u tilmaameera. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
👍70😢86🔥1🥰1
"Daandiin Baaburaa Itoophiyaa-Jibuutii Yeroo jalqabaaf bu'aa argateera":- Taakkalaa Uumaa

Dhaabbatni Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii erga hojii jalqabee as yeroo jalqabaaf kurmaana dhumaa bara 2024tti bu’aa argachuu isaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taakkalaa Uumaa beeksisaniiru.

“Bu’aan argame kun karoora tarsiimowaa waggoota sadii dhufaniif dhaabbaticha gara bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf qabanneef bu’uuraa kan ta’uu dha jedhaniiru.

Hammi fe’umsaa baaburichaa waggaatti toonii miiliyoona 6.3 ta’u qaba ture. Garuu yeroo ammaa waggaatti toonii miiliyoona 2.4 qofa hojjechaa jirra akka jiru ibsameera.

Kunis hamma fe’umsa guutuu isaa keessaa 38% qofa akka ta’e ibsaniiru.

Kiiloo meetira 750 ol kan dheeratu fi Finfinnee buufata doonii Jibuutii waliin kan walqunnamsiisu pirojektiin daandii baaburaa kun walta’iinsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Chaayinaatiin kan ijaarameedha. 

@tikvahethafaanoromoo
👍5110👎1
TIKVAH AFAAN OROMOO
"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne. Haga Ammaatti…
#Update

Ibiddi guddaan bosona Ameerikaa Loos Anjalasitti ka'e ammallee to’atamuu kan hin dandeenye yoo ta’u ibiddi kun ammas Loos Anjalasiin gubuu itti fufeera.

Ibiddi kun balaa hanga ammaatti geessise caalaa balaa guddaa fiduu mala jedhameera.

Haalli qilleensi naannoo sana jiru ibidda kanaaf boba'aa akka ta'aa jiru himameera.

Ibidda cimaa ka'e keessaa tokko qofatu guutummaatti to'annoo jala oole.

Qondaaltonni naannoon Los Anjalas guutuun sodaa balaa ibiddaa jala akka jiru akeekkachiisani turan.

Hanga kaleessaatti lubbuun namoota 24 yoo darbu, namoonni 16 achi buuteen isaanii dhabameera.

@tikvahethafaanoromoo
👍3719😢6👏1
"ji’oota jaha keessatti galii Birrii biiliyoona 16 walitti qabeera":-Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa ji’oota jahaan darban keessatti galii Birrii biiliyoona 10 walitti qabuuf karoorfate caaluudhaan Birrii biiliyoona 16.3 ol walitti qabuu beeksiseera.

Daarektarri Olaanaan Tajaajilichaa Aadde Salaamawit Daawit ibsa har’a kennaniin, lammiilee 13,322 warqa ragaa sobaa fayyadamuun tajaajila imala argachuuf socha’aa turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsan.

Paaspoortiiwwan kuma 721 fi 623 ol akka maxxanfame ibsuudhan, isaan keessaa dhibbeentaan 98 fayyadamtootaaf kennameera jedhan.

Akkasumas lammiilee biyya alaa kuma 14 fi 367f hayyama jireenyaa yeroo fi dhaabbii  raawwatamuu fi namoota 20f lammummaan akka kennameef ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
👍356👎4🥰3👏1
#Peace

Hamaas waliin dhukaasa dhaabuu irratti waliigalteerra gahuun gabaafame.

Hamaas yaada waliigaltee kana fudhachuu isaa ifatti yeroo beeksisu Israa'eel illee ni beeksisti jedhamee eegamaa jira.

Qaamota lamaan gidduutti waliigaltee irra ga’uuf Ameerikaa, Qatarii fi Masriin torban hedduudhaaf hojjechaa akka turan himameera.

Akka miidiyaaleen idil-addunyaa ibsanitti waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaatiin torbaan 6'f kan turu ta’uu ibsameera.

Hamaas namoota booji’aman 33 gadhiisuuf walii galuu isaa fi Israa’el ammoo lammiilee Falasxiin gara 1,000 gadhiisuuf walii galuu ishee bal’inaan gabaafamaa jira.

Israa’el waliigaltee kanaan walqabatee dhimmoota furmaata hin argannee fi hin xumuramne tokko tokko akka qabduu fi sa’aatii muraasa dhufan keessatti furmaanni dhumaa akka dhiyaatu Aljaziiraan gabaaseera.

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigaltee kana ni raggaasisu jedhamee eegama. Mootummaan Israa'el boru sagalee ni kenna.

Waliigaltee gama lameenii gidduutti taasifamuu kun waraana ji’oota 15'f ture akka xumuramu bal’inaan ni abdatama.

Lammiileen Falasxiin oduu waliigalticha dhagahan daandii irratti bahuu. gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

Waliigalteen kun osoo adeemsifamaa jiruu Israa’el kaampii baqattootaa Gaazaa Bureejii haleeluun lammiilee Falasxiinota hedduu ajjeestee jirti.

Ji’oota 15 darban keessatti lammiileen Falasxiin kuma 46 ol ajjeefamaniiru, Israa’eloonni 1,200 ajjeefamaniiru, 250 ammoo booji’amaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
👍538😢4👏3🥰1
#MoE #ExitExam

Bara 2017 #Walakkaatti qormaata bahiinsaa digrii jalqabaa irra deebiin qoramuuf barattoonnii fedhii qabdan galmeen Ammajjii 8-14, 2017tti kan gaggeeffamu ta'uu ministeerri barnootaa ibseera.

Galmaa'uuf 👉https://exam.ethernet.edu.et

Kanaaf Ammajii 08 hanga Ammajjii 15, 2016tti kaffaltii galmee Birrii 500.00 karaa "Tele Birr" qofaan kaffaluun galmaa'uu akka dandeessan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Iyyattoonni deeggarsa dabalataa yoo barbaadan lakkoofsa bilbilaa +251 118 13 21 76 ykn email [email protected] tiin deeggarsa argachuu akka danda’an ibsameera.

Note:- Email Fi Username Keessan galmeen booda karaa poortala keessaniin kan ergamu ta'a.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
👍416👏6🥰4🔥3😢1
2025/07/14 11:50:37
Back to Top
HTML Embed Code: