Telegram Web
TIKVAH AFAAN OROMOO
#tiktok #Ameerikaa Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden tiktook aksiyooniin isaa dhaabbata Ameerikaa tokkoof yoo hin gurguramnee fi Chaayinaa irraa kan hin hiikamne yoo ta’e guutuu Ameerikaa keessatti akka ugguramu labsii mallatteessaniiru. "Nuti eessayyuu…
#TikTok

Tiktok Ameerikaa keessatti Dilbata dhufu irraa eegalee murtee akka ugguramuu ykn Ameerikaaf akka gurguramu jedhu manni murtee Ameerikaa raggaasiseera.

Har’a Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera federaala Tiktok US keessatti akka cufamu ykn akka gurguramu dirqisiisu deeggarsa isaa kenneera.

'TikTok' ol'iyyannoo dhiheessus garuu fudhatama dhabeera.

Yeroo darbe appichi "odeeffannoo dhuunfaa lammiilee Ameerikaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna waan kana ta'eef nageenyaa biyyaatiif sodaa uumaa jechuun Tiktok akka dhorkamuu ykn lammiilee Ameerikaatti gurguramuu akka qabu murteen murtaa'uu isaa ni yaadatama.

Har'a Manni Murtii Olaanaa murtii kanaan dura kenname raggaasiseera.

Murtee kana hordofuun 'TikTok' Dilbata irraa eegalee ni dhorkama.

Uggurri kun TikTok 'Appstore' fi 'Playstore' irraa akka haqamu isa taasisa.

Fayyadamtoonni haaraan 'TikTok' buufachuu hin danda'an; Fayyadamtoonni duraa ammoo haaromsu(update) gochuu hin danda'an.

Pireezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Manni Murtii Olaanaa Tiktok baraaruun murtee ugguruuf kenname yeroo biraatti akka dabarsu gaafataniiru, garuu manni murtii murtii dhumaa dabarseera.

Uggura 'TikTok' tursiisuuf kan yaalan Tiraamp Wiixata dhufu aangoo ni qabatu. Raawwii labsichaas isaaniyyuu kennameera.

Murtee mana murtii booda Tiraamp "murtee kana anatu murteessa. Murteen na bira jira. Waanan hojjedhu ni argitu" jedheera.

@tikvahethafaanoromoo
👍4812
Mohaa dhaabbata dhugaatii lallaafaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e
Mohaa dhaabbanni dhugaatii lallaafaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’e.maamiltoota isaaf badhaasa
inni qopheesse keessaa carraan konkolaataa elektrikaa BYD abbaa carraa Maqaleef ba’ee jira.
Abbaan carraa obbo yemaanee Negaash badhaasa isaanii Amajjii 10 bara 2017 magaalaa Maqaleetti
sagantaa badhaasa addaa qophaa’e irratti fudhataniiru.
Kana dura jiraattoota magaalaa Finfinnee fi Dirredawaa abbootiin carraa, konkolaataa elektirikaa
BYD mo’achuun isaanii ni yaadatama.
👍192👏2
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Peace Hamaas waliin dhukaasa dhaabuu irratti waliigalteerra gahuun gabaafame. Hamaas yaada waliigaltee kana fudhachuu isaa ifatti yeroo beeksisu Israa'eel illee ni beeksisti jedhamee eegamaa jira. Qaamota lamaan gidduutti waliigaltee irra ga’uuf Ameerikaa…
#Update #Hamaas #Israael

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu boru irraa eegala!

Gaazaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu boruu ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee hojiitti hiikamuu ka jalqabu ta'uu gabaafameera.

Kaabineen Mootummaa Israa'eel waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas waliin taasifame raggaasisuu hordofee waliigaltichi boru hojiitti hiikamuu akka jalqabu ibsameera.

Walwaraansi guyyoota 460 erga fudhatee booda waliigalteen taasifamuu ibsameera.

Waraanni Israa'elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa ture lubbuu Lammiilee Fiilisxeem kuma 46 fi 788 galaafateera.

Lammiilee kuma 100 fi kuma 10 fi 453 ammoo miidhaa qaamaaf saaxileera.

@tikvahethafaanoromoo
👍245😢5👏1
#Kataraa

Ayyaanni Kataraa bara 2017 akkaataa duudhaa amantaa isaa eeguun bifa miidhagina qabuun kabajameera.

Magaalootaa fi Aanaalee Oromiyaa hunda keessatti ayyaanni kataraa bifa hawwataa ta'een kabajameera.

Boru biyyattii guutuutti ayyaanni cuuphaa ni kabajna.

@tikvahethafaanoromoo
👍296
#Arsii_Lixaa

Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti balaan Ibidda Bosonaa mudateera.

Balichi aanicha ganda Gootuu Olomaa bosona gaara Abaaroo jedhamuutti kaleessa guyyaa sa'aatii 10:00tti mudachuun ibsameera.

Ibiddicha dhaamsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
👍15😢11
Baga Ayyaana Cuuphaatiin ittiin isin gahe!

Ayyaana Gaarii!!

@tikvahethafaanoromoo
👍32👏85
2025/07/14 07:08:59
Back to Top
HTML Embed Code: