Telegram Web
Iraan erga Israa'el haleellaa bantee as lammiilenshee 430 ajjeefamu himte

Erga Israa'eli fi Iraan gidduutti walitti bu'iinsi eegalee Waxabajjii 13, 2025 eegalee as yoo xiqqaate namoonni 430 Iraan jalaa ajjeefamu maddi oduu biyyattii Nour jedhamu gabaase.

Kanneen du'aniin alatti namoonni 3,500 ammoo madaa'uu misiteera fayyaa Iraan waabeffachuun maddi oduu kun gabaaseer.

Dilbata darbe namoonni 224 du'uu ministeerri fayyaa Iraan beeksisee ture. Ergasii mootummaan Iraan lakkoofsa namoota du'aniifi miidhamanii guyyootaf osoo hin ibsin ture.

Gama Israa'eliin lakkoosi namoota du'anii hanga ammaa 25 ta'uu ibsameera. #BBC #Nour

@tikvahethafaanoromoo
Buufataalee gatiin boba'aa dabaluun mala jechuun dhoksanirratti tarkaanfiin ni fudhatama

Buufataalee osoo boba'aan jiru gatiin dabaluu mala jechuun hin jiru jedhan hordofuun Mootummaan tarkaanfii ni fudhata jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofee himaniiru.

Buufataaleen gatiin dabaluu mala jechuun boba'aa dhoksan jiraachuu eeruun, gatiin boba'arratti taasifamu kan hin jirre ta'uu ibsaniiru.

Mootummaan baatii Caamsaa irra eegalee deeggarsa boba'aa dhaabuu himuun, gatiin boba'aa akkaataa gaba Addunyaan kan murteeffamu ta'uu hubachiisaniiru.

Guyyoota muraasaa as odeeffannoon gama Miidiyaa hawaasaatiin akka mootummaan deeggarsa taasisaa ture hin kaafneefi taaksii haaraa gabaa boba’aarratti dabaluuf jedhuun tamsa'aa jiru dogogora jedhan.

Buufataaleen boba'aa gatiin boba’aarratti taasifamuu kan hin jirre ta'uu hubachuun tasgabbiin bittaaf gurgurtaa akka raawwatan hubachiisaniiru. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo
Ameerikaan ifatti gara Waraanaa seentee jirti!

Ameerikaan iddoowwan gabbiisa Niiwukilaaraa Iraan sadi haleeluun pirezidaan Doonaald Tiraamp himan.

Iddoowwan kunneenis Foordoo, Naataanzii fi Isfaahaan kan jedhaman yoo ta'u, Ameerikaan haleellaa buufataalee kanneen irratti raawwattu xumurteetti jedhaniiru.

"Foordoo, Naataanzii fi Isfaahaan dabalatee iddoowwan gabbiisa nikulaaraa sadan Iraan irratti haleellaa baayyee milkaa'aa ta'e xumurree jirra. Xiyyaaronni hundi amma naannoo qilleensa Iraaniin ala jiru" jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii 'Truth' jedhamu irratti barreessaniiru.

Haleellaa Ameerikaan iddoowwan gabbisa Niiwukilaaraa sadan irratti raawwatte kanas aanga'oonni Iraan mirkaneessaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#Exit_Exam

Qormaanni bahiinsa yunivarsitii barattoota dhaabbilee mootummaatti(Yunivarsitii) barataniif guyyaa muraasa dura ifoomuun isaa kan yaadatamuudha.

Qormaatni bahiinsaa dhaabbilee barnoota ol'aanoo dhuunfaas ifoomuu isaa ministeerri barnootaa beeksiseera.

Ministeerri barnootaa akka ibsetti qormaatni bahiinsaa kun dhaabbilee kafaltii tajaajila qormaataa /Exam Service Payment/ kanneen xumuran hundaaf qormaatichi guyyaa kaleessa waxabajjii 14/2017 ifoomu isaa beeksiseera.

Dhaabbileen kafaltii xumuran qofa barattoonni isaanii gara iddoo itti baratanii deemuun bu'aa qormaata bahiinsaa isaanii laallachuu akka danda'an ministeerri barnootaa ibseera.

@tikvahethafaanoromoo
ABOn qabsoo dhaabatu hin jalqabne, akeeka ijaarameef hamma galmaan ga'uttis hin dhaabatu'- Obbo Daawud Ibsaa

Dhaabbanni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n ''qabsoo dhaabatuu hin eegallee waan ta'eef hanga akeeka ijaarameef galmaan gahuutti hin dhaabbatu'' kan jedhan dura taa'aan dhaabbichaa Obbo Daawud Ibsaa haasaa sirna baniinsa waajirri muummee dhaabichaa Gullallee jiru irratti guyyaa har'aa taasisaniin, Waajjiirri isaanis "kana booda bakka beekaan Oromoo itti wal arguun mari'atuudha" jedhaniiru.

Haasaa sirna baniinsa waajirasaanii waggaa shaniin booda deebi'eef kanarratti taasisaniin, qabsoo Oromoon geggeessaa ture duubattii deebi'anii kan yaadatan dureen ABO, hundeeffama Waldaa Maccaafi Tuulamaarraa kaasee hanga har'aatti sochiin ture qabsoo karaa nagaan taasifamuuf carraan kennamuu dhabuurraa akka madde ibsaniiru.

Obbo Daawud, bu'aa bayii ofii isaanii fi waahillan isaanii taasisaa turan kaasuudhaan "qabsoo dhaabatu hin jalqabne" jechuudhaan, carraan karaa nagaatiin qabsaa'uu gabbachuu akka qabu dubbatan.

Waajira amma deebiifameef kana dabalatee, waajiraaleensaanii kutaalee Oromiyaa gara garaa keessa jiran cufamuun, aanga'oonnii fi miseensonni dhaabichaa hidhamuun, dhaabichi "humnaan dhiibamee" filannoo bara 2021 keessaa bahuu kan yaadachiisan dureen ABO kun, kana booda walgahuun mari'achaa akka itti fufan beeksisaniiru.

Sochii filannoodhaaf taasisaa turaniin danqaa hoggansaa fi miseensaarra gahaa tureen boodarra gara waajiroota cufuu fi hoggantoota dhaabichaa hidhuutti akka deemame kan yaadatan dureen dhaabichaa, boodarra ammoo dhibdeen hoggansa dhaabichaa gidduutti uumames rakkoo biraa akka uume kaaasan.

Sochii dhaabni isaanii taasisaa ture keessatti hoggansii fi miseensi dhaabichaa hidhamuu fi kaan ammoo lubbu itti dhabuu kan dubbatan Obbo Daawud, Obbo Battee Urgeessaa qabsoo yeroo lubbuun jiru taasiseen "oolmaa guddaa nuuf oole" jechuun leellisaniiru.

ABOn "haqasaa deeffachuu barbaada waan ta'eef, gaaffii isaatiif kabajaa kennuun dirqii ta'a" kan jedhan dureen ABO Obbo Daawud, mootummaan qabsoo karaa nagaa taasifamuuf carraa akka kennu waamicha taasisaniiru.

Waajirasaa muummee kana deebiisanii argachuuf duulli guddaan ta'uu kaaasuudhaan, kana keessattis Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi paartiileen mormitoota qooda guddaa akka bahatan kaasan. Itti dabalunis, waajirri dhaabichaa kan biraa osoo deebi'iin hafanis akka deebi'uuf gaafachaa jiraachuu himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Doolaarri biiliyoonni 5 ol reemitaansiin gara Itiyoophiyaatti ergame

Tajaajilli Diyaaspooraa Itiyoophiyaa baatiiwwan salgan darbanitti biyyoota alaarraa Doolaarri Biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 100 gara Itiyoophiyaatti ergameera jedhe.

Tajaajilichatti Hogganaan kutaa Pilaanii Wandiwasan Tarrafaan Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, hirmaannaa gama maraa diyaaspooraa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Bara baajatichaatti fooyya’iinsa diinagdee gooroon walqabatee reemitaansii diyaaspooraan gara biyyaatti ergu akka dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu yaadachiisan.

Diyaaspooraan lakkoofsa baankii sharafa alaa akka banu taasifamuu ibsuun, lakkoofsi baankii kumni 18 fi 889 banamuu eeran.

Lakkoofsa baankii kanarratti Doolaarri miiliyoonni 25 fi kumni 200 qusatamuufi kan bara darbeerra guddina olaanaa agarsiisuu dubbatan.

Gama biraan reemitaansii diyaaspooraarraa argamu guddisuuf hojii deeggarsaafi hordoffii hojjetameen baatiiwwan salgan darbanitti Doolaarri biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 100 reemitaansiin gara biyyaatti ergamuu yaadachiisan.

Fooyya’iinsi diinagdee mandhalee dabaluu reemitaansiif gahee olaanaa bahachuu hubachiisaniiru. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
“Itoophiyaan ji’a fulbaana dhufu Omisha Gaazaa marsaa duraa gabaaf ni dhiyeessiti”:- jechuun mummichi ministeera Abiy Ahimad himaniiru .

Mummichi ministeera Abiy Ahimad (Dr) dhimma kana kan dubbatan waltajjii marii ogeeyyota miidiyaafi komunikeeshinii waliin taasisan irrattiidha.

“Waggoota darban dhimma kana irratti maaltu akka hojjatam ture hin beektan “ kan jedhan mummichi ministeera, “yoo isinitti himne rakkoon alaa fi keessaa waan baay’atuuf callisaan hojeenne “ jechuun ibsaniiru.

Omishni kun naannoo kam akka ta’e ifatti kan hin ibsine ta’us “ waggoota lamaan, sadiin darban ani kan dawwadhu Gaazii dha, isin kan argitan qamadii dha” jechuun dubbataniiru.

“Hanga ammaa kan isinitti hin himneef gatiin Hidha guddicha irratti kaffalle olaanaa waan ta’eefi” jechuun pirojekticha Waggoota darban dhiibbaa miidiyaa irra gahu irraa hir’isuuf jecha callisaan akka hojjatan hubachiisaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#Finfinnee

Balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 9 darbe

Balaan tiraafikaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittiitti  mudateen daa’ima waggaa sadii dabalatee lubbuun namoota sagal darbuu komishiniin poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Balaan kunis Awutoobisiin Pabliik Sarviisii Haayile Garmeentii gara Addabaabaayii Yuunisaatti imalaa ture konkolaataa fe’umsaa waliin walitti bu’uun kara irra maqee kallattii faallaan konkolaataa deddeebisaa uummataa Doolfinii jedhamu waliin walitti bu’uun kan uumame ta'uu Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayirektarri Kominikeeshinii Komaandar Maarqoos Taaddasaa himaniiru.

Balichaan konkolaachisaa konkolaataa Doolfinii dabalatee lubbuun namoota 9 yoo darbuu namoota 8 irra immoo miidhaan qaamaa cimaan gaheera.

Balaan kun guyyaa har'aa naannoo sa'aatii 9:00tti muudatuu isaa ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
“Waraanni guyyaa 12 xumuramuu ibsa”- Doonald Tiraamp

Pirezdaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Israa’elii fi Iraan waliigaltee dhukaasaa dhaabuu taasisuu waliigaluu isaanii ibseera.

“Israa’elii fi Iraan kaayyo dhumaa amma harkaa qaban erga fixatanii booda sa’aatii 6 keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 12’f taasisuuf guutuun guututti waliigalaniiru “ jedhaniiru.

Haaluma kanaan waraanni kun akka dhumatetti akka laakka’amu ibsaniiru.

“Iraan akkaata walii galteetiin, waliigaltee dhukaasa dhaabu ni eegaltii “ kan jedhan Tiraamp “Israa’el sa’aatii 12ffaatti itti aanti “ jedhaniiru.

Sa’aatii 24ffaatti “Waraanni guyyaa 12” xumuramuu isaa hawaasa Addunyaaf ni ifooma, qaamonni lachuu waliigaltichaaf kabajamanii, wal kabajanii akka hojjatan ibsaniiru.


@tikvahethafaanoromoo
2025/06/25 04:38:36
Back to Top
HTML Embed Code: