tgoop.com/waaldaa/1187
Last Update:
Riqaa Yaa’iqoob...S.Um 28:10
Imala daandii isaarrattii
Yaa'iqoobitti aduun dhiite
Finoota Looz geenyan
Guyyaan itti dukkanoofte
Ciisicha isaaf qophaa’ee
Dhagaas fudhee boraafate
Dachee sana gubbaarrattis
Hirriba isaa hoo'ifate......!
Halkan Abjuu keessaan
Wanta guddaa arge....
Yaadniif qalbiinsaa
Xiyyeeffachuutti fiige!
Yaabbannoo jabaa tokkoo
Ergamootati irra deemaa
Lafaa hanga samii ga'a
Miidhaginnisaas aduma!
Kana qofa miti
Waaqayyoos nii argee
Sagalee guddaa wayiitin
Eebbi isarratti jige......
Ganama obboroon
Hirribarraa ol ka'ee
Galataan guuttamee
Gammachuun machaa’e!
Dhagaa boraafate sanas
Oldhabee bira deemee
Imalli isaa hundis
Milkiidhaan guutamee....
Har'as Riqaa Yaa’iqoob
Namni dhugaan abdatee
Garaasaa guutuudhaan
Namni ishee kadhatee....
Hir'uunsaa guuttamee
Gammachuun jiraataa
Gamtaa Ergamoota wajjin
Ililleedhan faarfataaaaa....
==•|•==
F/taa Koo'eel Shawaa
👉😍Faarfannaa fi Walaloo Afuuraa argachuuf link gadi xuquun join jedha!
👇👇👇👇👇👇👇👇
╔═══════════╗
♨️ ⚫️ @Faarfataa ♨️
♨️ 🔴 @Faarfataa ♨️
♨️ ⚪️ @Faarfataa ♨️
╚═══════════╝
#Share gochuu hin dagatinaa!
BY ማህበር ሐዋርያት ቢሊዳ ማርያም
Share with your friend now:
tgoop.com/waaldaa/1187