tgoop.com/ABDII_SABAA/17204
Last Update:
Somaaliyaan lafa Itoophiyaa kitaaba barnootaa ishee keessatti kan kiyya jettee haammatte.
Somaaliyaan kitaabota barnootaa ishee keessatti naannoolee Itoophiyaa naannoo ofii jala akka hammatte dhagahame.
Kana malees, kitaaba barataa ishee keessatti Itoophiyaan "soomaaliyaaf balaadha" jechuun barattoota ishee barsiisaa jirti. Kanaafis kitaabota barnootaa ishee fooyyessitee jirti jechuun Inside Africa gabaaseera.
Mootummaan Somaaliyaa dargaggoonni fi daa'imman Somaaliyaa Itiyoophiyaan balaa jiraachuu fi diina seenaa Somaaliyaa ta'uu akka amanan ijoollee mana barumsaa keessatti barsiisuu eegaltee jirti. Kana deeggaruuf bulchiinsi Moqaadishoo kitaabota barnootaa seenaa fi Jiyoogiraafii barattoota mana barumsaa giddu galeessaa fi sadarkaa lammaffaa fooyyesse.
Kitaabonni seenaa haaromfaman kunneen boqonnaawwan Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti jibbaa fi wal qoqqoodinsa uuman of keessaa qabu. Kana malees, kitaabonni barnoota ji’ograafii fooyya’an lafa Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessatti akka hammatuuf fooyyessanii jiru. Lafti Itoophiyaa dachee Somaaliyaa jalatti hammatame irra caalaan isaa lafa naannoo Somaaleeti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
BY ABDII SABAA
Share with your friend now:
tgoop.com/ABDII_SABAA/17204