ODUU
Doonaaldi Tiraampi labsii Guyyaan Injifannoo Waraana Addunyaa 2ffaa US Ameerikaa keessatti ayyaana biyyaalessaa ta’uu labsu mallatteessan.
Pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi labsii Caamsaa 8, 2025 guyyaa Injifannoo Waraana Addunyaa 2ffaa jechuun labsu mallatteessanii jiru.
Caamsaan 8 Waraana Addunyaa 2ffaa keessatti Guyyaa Injifannoo jedhamuun beekama.
Injifannoon kun waggaa 80ffaan isaa har'a kabajamaa jira.
“Addunyaa irratti michoonni keenya Waraana Addunyaa 2ffaa torban kana kabajaa jiru, US Ameerikaan garuu ayyaana mataa keenyaa kabajjee hin beektu, injifannoon kun akka galma gahuuf sababni guddaan numa” jedhan pirezidaanti Tiraampi.
"Jaalattanis jibbitanis gara waraana sanaa seenneerras, injifanneerras, namoota gurguddoo hedduu irraas gargaarsa guddaa arganne, michoota gurguddoo hedduu horanneerra" jedhaniiru pirezidaantichi.
''Waraana addunyaa 2ffaa injifanne, garuu akka nama hundaatti beekamtii hin kennine'' jechuun Pirezidaanti Tiraampi fuula miidiyaa hawaasuumaa isaanii irratti ibsaniiru.
Pirezidaanti Tiraampi, “Michoonni keenya addunyaa guutuutti argaman hundi injifannoo waraana addunyaa 2ffaa keessatti arganne kabajaa jiru” jechuun “Biyya injifannoo kana hin kabajne US Ameerikaa qofaadha” jedhaniiru.
Ameerikaan injifannoo mataa ishee kabajuu qabdi jechuun labsii haaraa akka baasan, The Washington Times gabaaseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

👍519❤86😁81👏28🥰23🤬11🤯8🤗6🔥5
#kutaa12ffaa
Guyyaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera.
Sagantaan qormaata Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa / Kutaa 12ffaa bara 2017 ifoome.
Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni kun Waxabajji 23/2017 hanga Adoolessa 8/2017tti kan kennamu ta’a.
Barattoonni saayinsii uumamaa waraqaa irratti qoraman Waxabajjii 21 fi 22/2017 Yuunivarsiitii seenuun, Waxabajjii 29 fi 30/2017 ammoo barattoota saayinsii hawaasaatu seenu.
Barattoonni toora interneetii irratti qoraman mana isaanii irraa deddeebi’uun wiirtuu qormaataa ramadameetti kan qoraman ta’a.
Qabiyyeen qormaataa kitaaba barataa irratti kan hundaa'e waan ta'eef, tokkoon tokkoon barattootaa kitaaba barataa mana barumsaatti baratan irratti hundaa'uun beekumsaa fi hubannoo fooyya'aa argachuuf kitaabota wabii mijatoo ta'an fayyadamuun akka qophaa'an tajaajilichi waamicha dhiyeessee jira.
Meeshaalee hannaa fi gowwoomsaa qormaataaf oolu kamiyyuu yeroo qormaataatti fayyadamuun dhorkaadhas jedhama.
Odeeffannoon kun kan Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa irraa argamedha.

2👍973❤219👏70🥰48🕊10
ODUU:
Ayyaanni hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa har’a kabajama.
Ayyaanni hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa har’a magaalaa Naqamteetti akka kabajamu ifoome.
Ayyaana kana irratti hirmaachuufis Itaamaajor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa, Itaamaajor Shuumii Ittaanaa RIB Jeneraal Ababaaw Taaddasaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi Pirezidaantii Naanoo Beeniishaangul Gumuz Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa, Mootummaa federaalaa fi Naannichaa magaalaa Naqamtee galaniiruus jedhame
Hundeeffamni waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa injifannoowwan ajajichaa kan mul’isan sagantaalee garaagaraan kabajamee akka oolu beekameera.

👍406❤88😁52😭24🔥14🤬14👏9🤯8🤝7🫡7🆒7
Komii Hawaasaa
“Yooyyaa Akkam Jirtan Miidiyaan Abdii Sabaa
Godinaa Booranaa Aanaa Dubuluqii irraa
Nu Uumataa Baaddiyaatii, Baaddiyaa irraa walittii nu qabanii lafaa jireenyaa keenya irraa isin godaansisnaa nuun jedhan.
Laftii tanaa irratti dhalannee garaa irraa godaannuu hin qabnuu jennaan
Koottaa wa isin gaafannaa jedhanii Namoota gara 20 oli gahu har'aa ganama kana Godinaa Booranaa Aanaa Dubuluqiittii Mana hidhaattii nu darban.
kanaafuu nu haawwan daa'imman irraa balleessaa teenyaa malee waan hidhamnee jirruuf Uumataattii nuu dabarsa/nuu iyyaa akka Aanaa keennattii rakkoo cimaa keessaa jirraa.”

👍194😱133😭84❤46🤯15👏7😨3
ODUU:
Paayiletiin bitaa fi mirga wallaaluu Isaa irraaan kan ka'e xiyyaaratti ibiddi qabachuun ibame.
Taateen kun buufata xiyyaaraa Landan, Gaatwiikitti kan mudate ta'un Isaas Himame.
Paayileetii gargaaraan bitaa fi mirgasaa waliin dhahee jennaan xiyyaarri buufata xiyyaaraa Landan, Gaatwiik irraa ka'uuf ture hafuu isaa sakatta'insi taatee kanarratti raawwatame nii mul’isa
Dogoggorri uumame kun ammoo xiyyaaricha irratti ibidda akka qabatu gochuu isaa Dameen Qorannoo Balaa Qilleensaa hubachiise.
Taateen kun kan uummame wayita xiyyaarri Biriitish gara Kanaadaatti balali'uuf qophaahaa turetti ta’uunis heerame.
Xiyyaarichi hojjettoota 13 fi imaltoota 334 fe’ee akka ture gabaasni Dameen Qorannoo Balaa Qilleensaa Biriitish eereera.
Gabaasni qorannoo balaa mudaterratti qoratame akka agarsiisutti, Paayileetii gargaaraan otoo hin beekiin qaama xiyyaarichaa sochii fi hojiiwwan kaan to'atu gara bitaatti naannessuu malu gara mirgaatti naannesse jedha.
Haa ta'u malee Miidhaan qaqqabuun isaa hin gabaafamne.

👍457❤78😱49😁24🤩23🤯13👏7🔥6🥰3
Yuunivarsitii Diillaatti Sambata xinnaa 25/08/2017 baduun haga yoona barbaadamee dhabame.
Yuunivarsitii Diillaatti Sambata xinnaa 25/08/2017 galgala keessaa naannoo sa'atii 1:00tti kan bade barataa Rimiidiyaalaa Lammii Aadam, amma yoonaa barbaadamee dhabameera.
Abbaan mucaa kanaa barbaachaaf naannoo moorichaa kan jiran yommuu ta’u namooti argitan karaa Lakkoofsa bilbilaa 09 10 29 88 38
Fi 09 33 77 63 70 akka qunnaman gaafataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Yuunivarsitii Diillaatti Sambata xinnaa 25/08/2017 galgala keessaa naannoo sa'atii 1:00tti kan bade barataa Rimiidiyaalaa Lammii Aadam, amma yoonaa barbaadamee dhabameera.
Abbaan mucaa kanaa barbaachaaf naannoo moorichaa kan jiran yommuu ta’u namooti argitan karaa Lakkoofsa bilbilaa 09 10 29 88 38
Fi 09 33 77 63 70 akka qunnaman gaafataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍388😭145❤69👏34🤝15🔥12😱5🥰2🤯2
ODUU:
Oromiyaatti Barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 ol Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa ni fudhatuu jedhame.
Bara kana Naannoo Oromiyaatti Barattonni miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 61 fi 400 Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa fi 8ffaa walduraa duubaan kan fudhatan ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksisee jira.
Haaluma kanaan qormaata naannoo xumura barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffaa Barattoota kuma 700 fi kuma 69 fi 176 manneen barnootaa kuma 12 fi 449 keessatti barachaa jiraniif kan kennamu ta’uu Hogganaa itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel himaniiru.
Akkasumas qormaata naannoo xumura sadarkaa Giddugalesssa kutaa 8ffaa’n Barattoonni kuma 500 fi kuma 92 fi 224 Manneen Barnootaa kuma 9 fi 783 keessatti barataa jiran qoruuf qophiin xumuramuu Dooktar Galaanaan dubbataniiru.
Waliigalatti, barattoonni miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 61 fi 400 buufatalee qormaata kuma 1fi 305 keessatti qormaaticha kan fudhatan ta’uu himaniiru.
Qormaanni naannoo kutaa 6ffaa Caamsaa 26-27, 2017 kan kennamuu fi kan kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 03-05, 2017 kan kennamu ta’uun eerameera.
Haaluma kanaan manneen barnootaa, barsiisonnii fi maatiin barattootaa deeggarsa barattootaaf taasisan cimsanii akka itti fufan Dooktar Galaanaan waamicha dhiyeessaniiru.
Barattoonni qormaaticha fudhatanis qophii barbaachisaa akka taasisan dhaamaniiru.

👍530❤101🔥25😱24👏16🥰6💯3
ABDII SABAA
Ogeeyyiin fayyaa Itiyoophiyaa caamsaa 3/2017 irraa eegalee labsii waliigala Hojii dhaabuu taasisuu akka danda'an akekkachiisan. Gaaffii daballii miindaa ogeeyyiin fayyaa biyyaa keenyaa keessatti argaman kaasan irratti hangaa caamsaa 3/2017ttii deebii kan…
#Urgent_Update
Akkuma yeroo darbe ibsinee Ogeeyyiin fayyaa Itiyoophiyaa labsii waliigala Hojii dhaabuu taasisuu akka danda'an akekkachiisanii jiru. Kana sababeeffachuunis guyyaa borii irraa eegalee buufata yaalaa garaa garaatti labsiin kun hojii irra ni oola jedhamee eegamaa jira.
Waggoottan dheeraaf ogummaa kanaaf aarsaa guddaa kafallee jiraachuuf rakkanne ka jedhan ogeessonni fayyaa kunniin , dheekkamsa isaanii ji’oota muraasaa as ifaan ifatti miidiyaa hawaasummaa irratti ibsachuun sirreeffamni akka taasifamuuf mootummaa gaafachaa kan turan yommuu ta’u , hojii dhaabuuf guyyaan itti dirqaman ga’ee jiraachuufi guyyaa boruu irraa eegalee tajaajila akka addaan kutan akeekkachiisanii jiru.
Guyyaa boruu irraa eegaluunis tajaajila yaalii hatattamaa irraa kan hafe hawaasni akka hin burjaajofne maxxansaaleefi ragaawwan manneen yaalaa biyyatti garaa garaa irraa miidiyaa @Abdii_Sabaa qaqqabaa jiran ni mullisu.
Sochii ogeeyyiin fayyaa adeemsisaa jiraniin walqabachuun hawaasni bakka lamatti qoodamee kan jiru yommuu ta’u, harka hedduun namaa gaaffiin ogeeyyii fayyaa gaaffii haqaati jechuun deeggarsa yeroo agarsiisanitti gariin ammoo siyaasaan walqabsiisuun dubbicha micciiraa jiraachuu ragaawwan funaannanne ni ibsu.
Mootummaan gama isaatiin dhimma kanaan walqabsiisuun ibsa taassise kan hin qabne ta’us bakkoota garaa garaatti ogeeyyiin fayyaa dhimma kanaan walqabachuun qaama seeraan to’atamuun qoratamaa jiraachuu mirkaneeffanneerra.
Dhimma kanaan walqabsiisuunis ogeeyyiin fayyaa gaaffiin keenya gaaffii jiraachuufi xiyyeeffannoo nuuf taasifamuun furmaati akka nuuf laatamu gaafachuuti malee dhimma Siyaasaa kam keessa quba akka hin qabaanne yaada isaanii ibsuutti argamu.
“Fayyisaa Dhukkubsanne” kan jedhan ogeeyyiin yaalaa kunniin “jireenyaaf bu’uura wantota ta’an kannneen akka nyaata, uffataafi mana jireenyaa dhabuu irraa kan hafe jireenya qananii hin hawwine , hawaasa keenya tajaajiluufis sassannee miti” jedhaniiru.

👍796❤119😢83💯41🥰32👏16❤🔥4
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ameerikaa Niw Meeksikootti daa’imman lama kan waggaa 7 fi 9 yeroo isaan Shugguxii rasaasaan guutamaa poolisoonni adamsanii harkaa fuudhan agarsiisu gadhiifameera.
Daawwadhaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Daawwadhaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍214😁84❤26🥰19👏14🤬6🤯2🔥1
ABDII SABAA
#Urgent_Update Akkuma yeroo darbe ibsinee Ogeeyyiin fayyaa Itiyoophiyaa labsii waliigala Hojii dhaabuu taasisuu akka danda'an akekkachiisanii jiru. Kana sababeeffachuunis guyyaa borii irraa eegalee buufata yaalaa garaa garaatti labsiin kun hojii irra ni oola…
#update
Dooktorooti hidhamanii turan Wabii Birrii kuma 10n gad lakkifaman.
Sochii hojjattoota fayyaa tibbana wal qabatee Arbaa Mincii irraa to’annoo jala kan oolan Dooktoroinni sadii wabii birrii kuma 10n gad lakkifamuu isaanii odeeffannoowwan argaman ni mullisu.
Jimaata darbe ‘walgahiif barbaadamtu’ jechuun to’annoo jala kan oolan Dooktoroonni kunniin Ajaja mana murtiitiin har’a mirga wabiitiin gad lakkifamaniiru.
Tibba kana warraaqsa daballii miindaa ogeeyyii fayyaan taasifamaa jiru gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.
Guyyaa boruus akka biyyattiitti warraaqsa kanaan walqabachuun tajaajilli adda cituu akka malu ragaawwan ni agarsiisu.

👍442❤65😁26😢21🥰2👏2🤯2🏆2🔥1
ODUU:
Warri adiin Afrikaa Kibbaa gara Ameerikaatti akka godaanaan Tiraamp eeyyameef marsaa duraan Ameerikaatti imaluu irratti argamu.
Warreen adiin Afrikaa Kibbaa Doonaald Tiraamp baqattummaadhaan US Ameerikaatti akka godaanan eeyyameef marsaan jalqabaa namoonni 49 garasitti imalaniiru.
Xiyyaarri namoota kana Dilbata magaalaa Johaanisbergii fe’e Wixata waaree boodaa Waashignteen DC qubata jedhameet eegama.
Pirezidanti Tiraamp warreen adiin Afrikaa Kibbaa jiraatanirra loogii garaa garummaa sanyii iirratti raawwatameera erga jedhanii booda hariiroon Afrikaa Kibbaa fi US Ameerikaa laafera.
Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Roonaald Lamohaa, cunqursaan warra adirraa gahu hin jiru jechuudhaan himannaa irratti dhihaate waakkataniiru.
US Ameerikaan mootummaan Afrikaa Kibbaa qonnaan bultoota warreen adiirraa lafa fudhataa jira jechuun imaammaata keessoo biyyattii qeeqxe.

👍334😁71❤68🥰27🤯12🤬11👏5🤗5
ABDII SABAA
#update Dooktorooti hidhamanii turan Wabii Birrii kuma 10n gad lakkifaman. Sochii hojjattoota fayyaa tibbana wal qabatee Arbaa Mincii irraa to’annoo jala kan oolan Dooktoroinni sadii wabii birrii kuma 10n gad lakkifamuu isaanii odeeffannoowwan argaman ni…
Mudaannoowwan naannoo keessanitti mudachaa jiran karaa @AbdiiSabaaDm nuun ga’aa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍170❤31🥰24🔥10👏8
ODUU:
Miidhaa sababa balaa uumamaan qaqqabu dandamachuuf hawaasni akka waltumsu Qabu himame.
Rooba cimaa yeroo ammaa ittifufiinsaan roobaa jiru hordofee Godina Arsii Lixaa aanaa Kokossaa gandoota lama keessatti balaa bakakkaa uumameen beelladootaa fi qabeenya irra miidhaan qaqqabuun isaas eerame.
Buusaa Gonofaa Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Damee Kokossaa obbo Buzunaa Galgaloo akka himanitti, balaan bakakkaa gandoota Araarsoo fi Wayyoo keessatti Caamsaa 4, 2017 waaree booda rooba cimaa hordofee uumamee loowwan 8 fi lubbuu daa'ima tokkoo yoo galaafatu, manni tokkos gariin gubateera.
Sababa balaa kanaanis, qabeenyi qarshii kuma 300 caalu manca'uu Obbo Buzunaan himaniiru.
sababa balaa kanaan maatii miidhaan irra ga'e hawaasanii karaa aadaatiin akka walgargaaru hawaasa mariisisuu himanii, karaa Buusaa Gonofaatiinis deggersi kan kennamuuf ta'uu dubbatan.
Balaan akkanaa aanaa kanatti uumammee akka hinbeekne kan eeran obbo Buzunaan, gara fuula duraattis miidhaa walfakkaataan akka hingeenye uummanni akka ofeeggatu dhaamaniiru.

👍309😢85❤60😱22👏14😭4🥰2🤯2
ODUU GADDAA:
Aanaa Shanan Dhuuggootti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 11 darbuun himame.
Godina Harargee lixaa aanaa shanan dhuuggootti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuun ibsame.
Balichi Konkolaataan ‘Iyisuuzuun Magaalaa Waldaayaa irraa namaa fi meeshaa waliirratti fe’ee gara Aanaa Masalaatti imalaa ture garagaluun kan mudate ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa Obbo Fariid Yisaaq ibsaniiru.
Balichaan lubbuun namoota 11 darbuus dubbataniiru.
Akkasumas Namoota 22 irra miidhaan qaamaa cimaa fi namoota 3 irra immoo miidhaan salphaan qaqqabuu himaniiru.
Ka’umsi balichaa humnaa ol fe’uu akka ta’e himaniiru.

👍156😢119😭66❤43🤯8💔8😨5