tgoop.com/ABDII_SABAA1/1820
Last Update:
#Komii Barattoota musliimaa
"Nuti Kan gaafanne uuffata seeraa Hijaaba walfakkaataa uffaannee akka barannudha.
Haa ta'u malee rifeensi keessan hin mul'atu yoo ta'e barachuu hin dandeessaan jedhamne"jechuudhaan barattootni musliimaa Aksum dubbatan.
Naannoo Tigiraayitti barattoonnii musliimaa magaalaa Aksum sababa Hijabaa isaaniitiif barnoota isaanii gargar kutanii fuurmaata malee taa'uu isaanii ibsan.
"Nuti uuffata seeraa mana barnoota waliin Wal fakkaatuu haalaa amantaan keenya nu ajajuun hijaaba uffaannee barnoota keenyaa haa barannuu jennetu gaafanne Kan jedhan barattoonnii kunneen haa ta'u malee rifeensi keessan hin mul'atu yoo ta'e barachuu hin dandeessaan jedhamne barnoota keenya irraa fagaannee jirra" jedhan
Qormaata seensa Yunivarsiitii Kan kutaa 12ffaa fudhachuudhaaf guyyaan formii ittiin guutamu guyyaan xumuraa boru ta'uu Kan ibsan barattoonnii kunneen "hijaaba baastan malee hin ta'uu" jedhamuu irraan Kan ka'e barattoonnii musliimaa Kan hin guunne ta'uu dubbatan.
Majliisni maagaalichaa guyyaa har'aa ittiin gaafatamtoota nageenyaa Aanaa fi waajiira bakkaa buutota nageenyaa Naannoo waliin "Qoqqobbiin akka sosocho'u taasistaniittu "sababa jedhuun taa'uu isaanii Kan dubbatan yoo ta'u "kun qoqqobbii mitii"mirga amantaa isaanii gaafatan "deebii jedhu kennuu isaanii ibsaniiru.
Barattoonnii kunneen yeroon isaan barnoota gargar kutanii turan hanguma dheerachaa dhufu dhiibbaan barattoota irra gahu salphaa waan hin taaneef qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata akka itti kennuu gaafatan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
BY ABDII SABAA
Share with your friend now:
tgoop.com/ABDII_SABAA1/1820