tgoop.com/Fursaan_Media/3745
Last Update:
DEEBII gaafii 8ffaa
Shuruuxni (ulaagaaleen) Salaataa Sagal.
Shuruuxni Salaataa jechuun wantoota salaanni sirrii ta’uuf dura guutamuu qabanii dha.
Yoo tokkollee isaan keessaa hafe, salaanni hin baddi.
Isaanis:-
1. Islaamummaa qabaachuu.
Salaanni nama Islaamaa malee irraa hin fuudhamtu, Namni Islaama hin taane yoo salaate salaanni isaa fudhatama hin qabu.
2. Qalbii guutuu (Aqlii qabaachuu)
Salaanni nama sammuu hin qabne ykn of wallaale irratti hin dirqamtu, yoo salaates irraa hin fuudhamtu.
3. Waa addaan baafatuu (Umrii Tamyiiza gahuufi waa Beekuu)
Salaanni kan dirqamu namoota tamaanaa gahaniifi waan gaarii fi badaa addaan baasuu danda’an irratti.
4. Haadasa irraa (Xahaaraa) qulqullina qabaachuu
Haadasa guddaa:- waan qaama dhiqachuu dirqamsiisu, waan Akka Janabaa, dhiiga ji'a, dhiiga dhalaa irraa qulqullina qabaachuu:
Haadasa xiqqaa:- waan wudu'a godhuu dirqamsiisu. Hafuurri namarraa bahuu, Fincaan, ....
5. Qaama, Uffata fi Iddoo Salaataa Qulqulleessuu
Qaamni, uffanni, fi iddoo salaatan najisaa irraa qulqulluu ta’uu qaba.
6. Qaama uffachuun Dhoksuu (Owraa sattarachuu)
Dhiiraf: Mul'ii irraa hanga jilba gadiitti dhoksuu.
Dubartootaf: Qaama guutuu harkaa(Shanachaa)fii fuula malee waan jiru uffata bal'aan haguuggachuu
Salaanni yeroo isaa keessatti qofa kan salaatamu, Salaanni waqtii usiitiin ala dursee yoo salaatame sirrii hin taatu.
8. Gara Qiblaa gara galuu.
Salaanni gara Ka'abaatti fuula deebi’uun salaama bakka biraatti Yoo fuula deebi'ee salaatamu Salaanni suni sirrii miti.
9. Niyyata Qabaachuu (Qayyannoo)
Salaata qalbii keessatti niyyaa qabaachuun dirqama.
Shuruuxni kunniin erga guutamtee booda Salaatama, yoo tokko keessaa dhabame salaanni hin guuttamtu.
Namni wahii irraa fayyadamuu dandaha waan taheef Share waliif godhaa barakallaahu fiikum.
©️Fares Muhammed
http://T.me/Fursaan_Media
BY Fursaan Media
Share with your friend now:
tgoop.com/Fursaan_Media/3745