tgoop.com/Fursaan_Media/3758
Last Update:
Seenaa footon tun if duubaa qabdu ni beeytanii?
Mucaan taankii waraanatti dhagaa darbaa jiru khun maqaan isaa "Faaris Odeh" ja'ama, lammii falasxiini, taankin waraanaa ta inni dhagaa itti darbaa jiru tun taankii waraana israa'ili
Footon tun October 29 bara 2000 kheessa waggaa 23 dura gaazixeessaa Associated Press Laurent Rebours khaafamte. Faaris yeroo sanitti umriin isaa waggaa 14 turte
Faaris yeroo hunda waraana Isreal guddaa khana dura dhaabbatee dhagaa itti darbuuf mana baruumsarraa hafuu ture. Akka inni mana baruumsarraa yeroo garii hafu barsiisonni maatii isatti himnaan maatin isaa akka inni gad hin baanef hidhanii manatti hulaa itti cufuu turan, garuu inni yeroo hunda dhokhateeti maskootan behee warra isarra gurguddaa wajjiin waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture
Faaris maatin tiyya yoo na agarte nan dhiiftu je'ee waan sodaatuf cameran akka isa argu hin fedhu, yeroo hunda camera irraa maqeeti waraana gabroofataa biyya isaa kheessa jirutti dhagaa darba. Haati isaa hayyee yoo lola khanarraa hafuu hin feenellee namni sirra gurguddaatu taankii irraa fagaateti lolaa jiraa atis irraa fagaadhuu loli jennaanin an waraana gabroomfataa hin sodaadhu je'ee haadhatti hime faaris
Haaluma khanaan osoo taankii waraana israa'il dura dhaabbatee dhagaa itti darbuu baruma san November 8tti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin isa dhehe. Waan inni taankii waraana israa'iilitti dhihoo jiruuf saahibban isaa nutis yoo achi dhihaanne waraanni israa'il nu dhaha ja'anii waan sodaataniif isaa xiyyitiin dhahamee ciisu itti achi deemanii lafaa khaasuu sodaatan. Haala khanaan faaris bakkuma dhahamee ciisutti dhiiyni hedduun irraa yaa'ee achumatti du'e
Yeroon tun yeroo ummanni falasxiin gabroomfataa ofirraa khuffisuuf fincila mormii gaggeessaa turan kheessa turte. Maqaan fincila khanaa Second Intifada ykn Al-Aqsa Intifada" ja'amuun beekkama
Faarisis lola gabroomfataa biyya isarraa khaasuf eegale khanarratti dura bu'ummaan hirmaatuu ture. Osuma haala khanaan itti jiruu November 1 baruma san kheessa ilma adeera isaa kha maqaan isaa "Shaadii" ja'amu kha umriin waggaa 17 kha yeroo sanitti poolisa falasxiin ture waraanni israa'il dhehee ajjeese. Yeroo tana faaris akka hijaa bahu khakhatee haga duraanii caalaa meeshaa biraa dhabus dhagumaan qabsaahuu itti fufe" Jette obboleettin isaa Anam Odeh hoggaa waa'ee obboleessa isii dubbattu
Faaris awwaalcha ilma adeera isaa dhaqeeti lahdii ilmi adeera isaa itti awwaalamuuf deemu kheessa ciisee laalee lahdin tun ta shaadii qofa osoo hin taane tiyya" je'ee achii deeme jette obboleettin isaa
Torbaan takka booda Ghazzaa bakka karnii ja'amtutti faarisii fi saahibban isaa waraana israa'ilitti osoo dhagaa darbaa jiranii mul'atan, faaris nama hunda dura dhaabbateeti taankii waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture. Akka saahibban isaa himanitti akkuma faaris dhagaa lafaa fudhachuuf gad je'etti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin dhehee ajjeese
United Press International (UPI) akka himetti nama kumaatmaan lakkaayamuutu awwaalcha Faaris Odeh irratti hirmaate, Abbaan faaris ilmi khiyya shahiideedha, yeroo hunda wanni inni barbaadaa ture tana" gaafa hagana hin geenyerraa MASJID AL AQSAAF du'uuf hawwaa ture" jechuun (UPI)tti hime
Ergasii badhaasni gaazixeessitoota ciccimaaf maqaa isaatin waggaraa khennamu uumame, Akkasuma dhaabbata mirga dhala namaatif falmu hedduu kheessatti seenan Faaris Odeh mallattoo qabsoo dhugaa taateeti barsiifamti. Akkasuma footon faaris tun ummata falasxiin biratti mallattoo dura dhaabbannaa diddaa gabrummaa ja'amteeti beekkamti
Tana males footon tun "David and Goliath" moment ja'amteeti addunyaa biratti beekkamti. Akkana jechuun isaanii Nabi Dawuud nama akkaan zaata isarra guddaa qabuun hoggu lolu san osoo kha footon agarsiifamu tehee akkana fakkaata jechuu itti fedhaniiti sociologistoonni addunyaa yeroo fotoo faaris tana qoratanii laalan
BY Fursaan Media
Share with your friend now:
tgoop.com/Fursaan_Media/3758