tgoop.com/Fursaan_Media/3766
Last Update:
DEEBII Gaafii 10ffaa Waajibaanni salaataa saddeeti
Waajibaanni salaataa saddeettan Akka armaan gadiiti.
1. Takbiiraa ce’umsa (Takbiiratul intiqaal) jechuun:
Rukni salaataa tokko irraa gama biraatti yeroo cehan takbiiraa jedhamutuu dha...
2. "Sami’a Allaahu liman Hamidah" jechuu: yeroo rukuu'a irraa ka’anii ol dhaabbatan imaamaafii namni itti hidhatellee jechuu qaba.
3. "Rabbanaa walakal Hamdu" jechuu: Erga Sami’a Allahu liman Hamidah booda jedhama.
4. "Subhaana Rabbiyal ‘Aziim" jechuu: Rukuu keessatti yeroo tokko.
5. "Subhaana Rabbiyal A’alaa" jechuu: Sujuuda keessatti yeroo tokko.
6. "Rabbighfir Lii" jechuu: Jidduu sujdoota lamaatti yeroo tokko.
7. Tashahhuda jalqabaa: (Attahiyyaata jalqabaa jechuu ).
8. Tashahhuda jalqabaa taa’uu: Yeroo tashahhuda/Attahiyyaata jalqabaa irratti taa'uu
#Hubachiisa: Namni tokko yoo waajiba tokko dhiise, maaliif akka dhiise hubachuun barbaachisaadha. Yoo yaada keessa galee (irraanfatee) balleesse sujuuda sahwii yoo godhee, salaanni isaa ni sirraa’a. Garuu yoo beekkaadhaan dhiise salaanni suni ni bada.
Sujudu sahwii haala lamaan dhufte Tokkoffaa:- Salaamata osoo hin baafanne sujudu sahwi godhuu,
Lammaffaa:- Salaamata booda sujudu sahwii godhuu.
Sujuud sahwiin gaafa kam salaamata dura godhama gaafa kam salaamata booda godhama ka jedhuuf kitaaba fiq'hii Sheik Ibnu baz barreessan (Sharhul Mumtaaz/شرح الممتاز) dubbisaa...
©️Fares Muhammed
@Fursaan_media
http://T.me/Fursaan_media
BY Fursaan Media
Share with your friend now:
tgoop.com/Fursaan_Media/3766