SUREYA_RA Telegram 762
Dubartootaaf..

Akka dubartootaatti yeroo ammaa tana keessatti dubartoonni keenya harkki irra caalaan dhiira waan hin taane isii haasooysiisu, kan miiraa fi fedhiilee gargaraatti isii kakaasu, dhiira sagalee isii waraabdu, dhiira waanuma safuu fi qaanfii tehe irraa abdii murattee daangaa dabarte malee hin jaalatan!

Kuni ammoo jireenya kee keessatti wanta gufuu sitti tahee si danqu keessa tokko. Dhiira suuta deemtu, tan daangaa waa hundaa eeggachaa deemtuutu sittillee kabajaa horaa beeki. Dhiira akkuma ati ifiin barbaadde sii wajjiin tahu qofa irratti xiyeeyfatta taanaan gola sheenaa seenuun kee hafa hin qabdu.

Dhiirti takka gaafa si jaalattee siif gowwoomte gartu akka ati ifiin barbaaddu keessa hin galchin. Yoo akka ati barbaaddu sii wajjiin hin taanees hin aarin, guyyaan si eeggata waan teheef if duraa si miidhuu fi gola gaabbii keessa si galchuu waan hin barbaadiniifi akka inni si qusachaa jiru hubadhu.

Dubartoonni keenya ilma dhiiraa kan akka isin barbaaddan isinii wajjiin hin taane gaafa gartan “ Inni nan jaalatu, bakka naaf hin qabu" jattee lafa hin dhiitin. Gaafa nama san dhabde dhugaa nama sanii hubattaa beeki. Dhiirti ati akka ifiin feetu wajjiin godhattee, akka irraa barbaaddu hunda irraa arkattee ergasii isa dhiiftee kan biraa jala hudduu lultu si arkku si galaafachuurraa if duuba hin ju'u.

Namni gocha kana hunda ifirratti hojjachaa deemu suma tan miira ifii hubachuu dadhabde tanaa beeki. Kan ati bilookii ( block) obaaftee kan biraa isa bilbilaan si qoraasu barbaaddu yaadi mee ⁉️

Gaafa miskiinticha kanatti duuyda galtee kan fedhii tee keessa jiru san barbaaddu, numa arkkatta hafa hin qabu. Gaafas ammoo miira keessa waliin galtee sagalee fii viidiyoolee garagaraa si waraabsiseeti bakkaaf akka ati hin yaannetti dirree waltajjii hawaasaa tana gubbatti ol si baasa. Ergasii atiis sagalee fii viidiyoolee tee san jala lulachaa dhufteeti “ dhiifama! Ilma namaa tehee kan hin dogoggorre hin jiru" jattee as gubbaa mataa ummata seenta.

😒Dhimma hunda waanuma ifii barbaaddu qofa keessa galchitee hin yaadin. Gaarii ati osoo gartuu bira dabrtu kanaatu boru gaabbii sitti taha. Suuta ji'i! Dhiira suuta ejjattutti mataa qabadhu heerumi. Uffata, durummaa, bifaa fi madaala qaamaa osoo filtuu aduun sitti hin dhihin. Barruu tana “save" naaf goradhu.

Kedir Mohammed Raabii✍️

Join👇
@bishaara_4

tgoop.com/Sureya_ra/762
Create:
Last Update:

BY Sureya Ra..

Share with your friend now:
tgoop.com/Sureya_ra/762

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

Hui said the messages, which included urging the disruption of airport operations, were attempts to incite followers to make use of poisonous, corrosive or flammable substances to vandalize police vehicles, and also called on others to make weapons to harm police. How to create a business channel on Telegram? (Tutorial) Activate up to 20 bots With the sharp downturn in the crypto market, yelling has become a coping mechanism for many crypto traders. This screaming therapy became popular after the surge of Goblintown Ethereum NFTs at the end of May or early June. Here, holders made incoherent groaning sounds in late-night Twitter spaces. They also role-played as urine-loving Goblin creatures. How to create a business channel on Telegram? (Tutorial)
from us

Telegram Sureya Ra..
FROM American