tgoop.com/baacoowwan/19395
Last Update:
Hin naaf beekta mitii?
Akkan keessa kootti
Haaloo hin qabanne
Akkan osoon gadduu
Kolfee hin taphanne
Akkan fakkeessuudhaaf
Sin jaalladha hin jenne
Akka siin eebbisee
Uumaan koo naaf kenne
Akkan
Hangam qoramullee
Si ganuu hin dandeenye
Akka abjuun dhuftee
Wal ilaallu teenyee
❤❤❤
Akkan waanta darbe
Deebi'ee hin yaadanne
Akkan siin alatti
Eenyuunuu hin jaallanne
Hin naaf beekta mitii
Moo si yaadachiisuu
Baay'een si jaalladha
Garaan kee si haa ciisu
❤❤❤
Isan
Akka suusii bunaa
Si dhabee mukaawu
Hanqina kee dhiisee
Tola kee lakkaawuu
Akkan haala ilaalee
Sitti hin jijjiiramne
Akkan si filadhee
Onnee koo siif kenne
Akkan si moosise
Warra jiran keessaa
Si yaadachiisuu laa
Dagachuu dandeessa!
❤❤❤
Onnee kiyya keessa
Akka qofaa teessu
Akka tokko taatee
Hanga kumaa geessu
Akkan bulee ka'ee
Waanuma kee yaadu
Si waliin gammadee
Jiraachuu barbaadu
❤❤❤
Kanan ittiin ilaalu
Naaf taatee agartuu
Akka qaama kiyyaatti
Akka na marartu
Akkan
Warra jiran mara
Siin qofa caalchisee
Qabeenya kee godhe
Onnee koo dhaalchise
✍Habtee
#share
@baacoowwan
BY HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Share with your friend now:
tgoop.com/baacoowwan/19395