tgoop.com/baacoowwan/19405
Last Update:
Gugee garaan taliilaa
Ya shee mudhiin sabbataa
Aarsaan ati naaf taate
Fuuldura koo dhaabbata
Onnee keetu naaf ife
Akka shaamaa bobaatee
Baay'eeman si jaalladha
Baguma kan koo taate.
Ofii kee daartee harmee
Anaan daara na baastee
Naaf jecha gidirfamtee
Imimmaan kee lolaastee
Nama har'aa na goote
Gundoo fi jirbii footee
Akkami nagaa keetii?
Eda sittan abjoote
Osoo ati fuula ifaan
Keessummaa kee simattuu
Osoo qabduu waakkachuu
Itti hin beektu durattuu
Osoo ati amalaan
Teessistee nu gorsituu
Ofii kee shaamaa taatee
Dukkana nuuf ibsituu
Barruu kee eebbifamaa
Rakkoon daaraa fakkeesseen
Osoo ati nu eebbistuu
Harka kee nurra keessee
Osooti
Oliif gadi bututaa
Qaawwa keenya duuchituu
Ofii keetii beela'aa
Of dhiistee nu gurshituu
Bara kee guutuu isaa
Bokkaaf aduu dandeessee
Osoo harka hin kenniin
Kunoo har'aan nu geesse
Mar'immaan qoonqoon miitee
Dugda sabbataan hiitee
Gundoofi jirbii footee
Nama Har'aa na goote
Dhala keef jecha harmee
Guyyaf halkan dhiphattee
Imimmaan lakkuu roobsee
Ijji kee si diimatte
Rakkoof aarri qoraanii
Fuula kee si guggubee
Miidhamni kee jabaatee
Bakka kee na dhukkube
uuuufffff
Na guddisuudhaaf jettee
Guddaa xiqqaa dandeessee
Galata narraa qabda
Baattee asiin na geesse
Ani yoon dogongores
Situ dhufee na gorsa
Harmee koo naa jiraadhu
Si qabaachuun na boonsa
Gaafan nyaara koo guuru
Garaa keetu hin danda'u
Bakka jirtutti nagaa
Nagaan koo si haa ga'u
Warri harmee keessan Jaallattan
Nagaan koo si haa ga'u jedhaan.
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
BY HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Share with your friend now:
tgoop.com/baacoowwan/19405