tgoop.com/baacoowwan/19418
Last Update:
Maaliif wal-nayyaanna sabaa
Waldhaabnee gabaa badii
Maqaa walballeessinnee
Ifumaan guyyaa adii
Dhiisaa Tokko haa taanuu
Hin taanuu ilmaan bofaa
Yeroo nuti facaanee
Adeemne qofa qofaa
Kana nuu beekaa sabaa
Rakkinat nutti cophaa*2
Osoo tokkoomuun jiruu
Faca'uu maa filanne?
Dibata nagaa dhiisnee
Cilaattii maa dibanne?
Takkaa gad fiiguu malee
Maaliif ol hin tiranne ?
Gaaffiin isin gaafadhe
Deebiimmoo hin arganne?
Ammas numan gaafadha
Maaliif waliin kakanne?
Waljajjabeessuurraatti
Abbaa gadaa filannee?
Oromoon bara baraan
Lammata akka hin salphanne*2
Maaliifuu itti yaadaa
Rakkoo kana nuuf furaa
Beektonni keenya hunduu
Warri taatan nu duraa
Akka sabni guddaan kun
Hin dhandhamne gidiraa
Maaliif Obbolaan manaa
Arrabaan wal_cicciraa
Gaheera haa dhaabbatu
Gadicha nuu jijjiirraa*2
Jedheen ka'een goolabaa
Garuu asitti hin dhaabu
Deebi'een dhufuun dhabu
Isan gorsemmoo hin gaabbu*2
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
BY HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Share with your friend now:
tgoop.com/baacoowwan/19418