BAACOOWWAN Telegram 19454
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
"Jaalallee koo"
;
Yaa ilillii birraa
Asheeta jannataa
Yaa jaalallee dhugaa
Maal siin jedhu laataa?
Mi'aan jaalala kee
Akka damma daamuu
Nakeessaa mi'aayee
Akkamiin siwaamuu?
Jaalalli kee yoomuu
Nakeessaa hin dhaamuu.
;
Mee maal koo siin jedhuu?
Anoo qubeen dhabee
Anaanoo onneen koo
Tasumasaa cabee
Jaalalli dhugaadhaa
Jismii koo na qabee
Bakka hin qabamne
Barbaadeetan dhabee.
;
Iji rafuu didee
Onnetu na sirbaa
Sammuunis yaada kee
Bu'a dachaaf tabbaa
Miillatu na laafee
Garaakoon dadhabaa
Afaan koo maqaa kee
Waamuudhaaf gaggabaa
Harki koo silkii kee
Yaaluudhaaf dadhabaa
Abdii kootu si'ii
Silaas maalin qabaa!
;
Yoon gales hin rafuu
Ati naaf raftaaree?
Shaggee ikaan baddeessaa
Boru naaf dhuftaaree?
Ijaarrachuuf malee
Dur kabaan muraaree?
Si jaallachuuf malee
Dur taa'aan bulaaree?
;
Dambaliin jaalalaa
Kan nakeessaa burquu
Jaalallee koo isheen
Dhungoodhaan si cinquu.
;
Situ nagammachiisaa
Jaalallee koo dhugaa
Laphee keerran ciisaa
Boraatiin naquuqaa.
;
Onneen sijaallatee
Sagal bibir'ataa
Eessa koo jibbitee?
Ittii kuteen gataa
Kottuu nadhungadhuu
Sammuun na boqotaa.

@walaloo430



tgoop.com/baacoowwan/19454
Create:
Last Update:

"Jaalallee koo"
;
Yaa ilillii birraa
Asheeta jannataa
Yaa jaalallee dhugaa
Maal siin jedhu laataa?
Mi'aan jaalala kee
Akka damma daamuu
Nakeessaa mi'aayee
Akkamiin siwaamuu?
Jaalalli kee yoomuu
Nakeessaa hin dhaamuu.
;
Mee maal koo siin jedhuu?
Anoo qubeen dhabee
Anaanoo onneen koo
Tasumasaa cabee
Jaalalli dhugaadhaa
Jismii koo na qabee
Bakka hin qabamne
Barbaadeetan dhabee.
;
Iji rafuu didee
Onnetu na sirbaa
Sammuunis yaada kee
Bu'a dachaaf tabbaa
Miillatu na laafee
Garaakoon dadhabaa
Afaan koo maqaa kee
Waamuudhaaf gaggabaa
Harki koo silkii kee
Yaaluudhaaf dadhabaa
Abdii kootu si'ii
Silaas maalin qabaa!
;
Yoon gales hin rafuu
Ati naaf raftaaree?
Shaggee ikaan baddeessaa
Boru naaf dhuftaaree?
Ijaarrachuuf malee
Dur kabaan muraaree?
Si jaallachuuf malee
Dur taa'aan bulaaree?
;
Dambaliin jaalalaa
Kan nakeessaa burquu
Jaalallee koo isheen
Dhungoodhaan si cinquu.
;
Situ nagammachiisaa
Jaalallee koo dhugaa
Laphee keerran ciisaa
Boraatiin naquuqaa.
;
Onneen sijaallatee
Sagal bibir'ataa
Eessa koo jibbitee?
Ittii kuteen gataa
Kottuu nadhungadhuu
Sammuun na boqotaa.

@walaloo430

BY HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.


Share with your friend now:
tgoop.com/baacoowwan/19454

View MORE
Open in Telegram


Telegram News

Date: |

Add the logo from your device. Adjust the visible area of your image. Congratulations! Now your Telegram channel has a face Click “Save”.! Informative Telegram Channels requirements & features Hui said the time period and nature of some offences “overlapped” and thus their prison terms could be served concurrently. The judge ordered Ng to be jailed for a total of six years and six months. Telegram iOS app: In the “Chats” tab, click the new message icon in the right upper corner. Select “New Channel.”
from us


Telegram HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
FROM American