BAACOOWWAN Telegram 19463
HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Photo
"Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen....!

Mootiin ta'e tokkoo Leencota kudhan qaba ture. Hojjettoota qacaree qabu kamiyyuu balleessaa isaaniif jecha yeroo adabu mooraa leencota keessatti darbatee leencoonni akka nyaatan taasisa ture. Guyyaa tokko hojjettoota keessaa namni tokko yaada mootichi dogoggora jedhee yaade tokko kenne.

Mootichis yaada namichaa tasumaa hin jaalanne. Kanaaf, hojjetaan sun gara leencotaatti akka darbatamu ajaje. Hojjetaan sunis, "Waggaa kudhan si tajaajileera, ati immoo akkas na goota? Maaloo leencota sanaatti na darbachuu kee dura guyyaa kudhan naaf kenni?" Jedhee kadhate. Mootichis "tole"jedhee guyyaa kudhan kenneef.

Guyyoota kurnan sana keessatti namichi hojjetaan sun gara waardiyyaa leencoota kunuunsu dhaqee guyyoota kurnan itti aananiif leencoota tajaajiluu akka barbaadu itti hime.Eegduun tole jedhee, hojjetaan sunis leencota nyaachisuu, qulqulleessuu, dhiquu fi isaaniif kennuu jalqabe. Guyyoonni kurnan sun yommuu xumuraman mootichi namichi sun adabbii isaaf gara leencotaatti akka darbatamu ajaje.

"Tole" jedhanii namicha leencota keessatti darbatan.
Yeroo inni itti darbatamu, leenconni miila hojjetaa sanaa qofa arraabuun dhiisan. Namoonni hunduu kana arguun hedduu ajaa'ibsiifatan! Mootichis waan argaa jiruun burjaaja'ee, "leencota koo maaltu mudate?" Jedhee aare.
* Hojjetaan sunis, "Ani guyyoota kudhan qofaaf leencota tajaajileera, isaanis tajaajila koo hin daganne, naas hin nyaanne. ati garuu waggaa kudhan guutuu si tajaajileen oolmaa koo hunda dagatte, dogoggora koo isa jalqabaa irratti du'aaf na laatte. Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen qoma dhiibee.
Mootichi dogoggora isaa hubatee hojjetaan sun akka bilisa ba'u ajaje.

* Dogoggora sitti hin tollee tokkoof
seenaa gaarummaan guutame hin balfin.

Maddi kanaan dubbiserraa

@baacoowwan

tgoop.com/baacoowwan/19463
Create:
Last Update:

BY HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

Share with your friend now:
tgoop.com/baacoowwan/19463

View MORE
Open in Telegram

Telegram News

Date: |

2How to set up a Telegram channel? (A step-by-step tutorial) When choosing the right name for your Telegram channel, use the language of your target audience. The name must sum up the essence of your channel in 1-3 words. If you’re planning to expand your Telegram audience, it makes sense to incorporate keywords into your name. Your posting frequency depends on the topic of your channel. If you have a news channel, it’s OK to publish new content every day (or even every hour). For other industries, stick with 2-3 large posts a week. How to Create a Private or Public Channel on Telegram? A new window will come up. Enter your channel name and bio. (See the character limits above.) Click “Create.”
from us

Telegram HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
FROM American