Telegram Web
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
MAAL KOOTTI GAMMADU?

Hamma yaa bada anaa!
Maal koottan gammada?
Anoo yoon taa'ee yaadu
Kankoo namarraan addaa!

Maatiin irraa dhaladhe
Hiriyaan naannoo kootii
Kanan woliin guddadhe
Ormaaf aanteenkoo marti-

Malkaa gamas yoon laalu
Boqookiyya ol-qabee-
Dhiiguma aantee koorraan
Abdiif gammachuu dhabe.

Maatiinkoos mana keessaa
Afaan wol hin qabu
Dubbii tokko dubbatu
Tokko kokkeerra-ndarbu.

Manni keenya inni guddaan
Kan jaarraaf ijaarame-
Guurraa citaa isaan kan
Marrimaan na butame
Hidhaa dagalee-saatiif
Kan barruun na cirame
Hawaasni tu'oo dhaabuuf
Kan baraaf gidirame…

Hamma mana sinbirroo
Hanqate yaa namaa
dhimmuun nan raffisu
Qilleensaan diigama.

Ulaan keenya banaadha;
Sareetu keessa joora
Fardi luugamaan oollaan
Buddeenni harree soora.

Worri kiyya kunis
Kan afaan wol-n qabne-
Kan dhibee isaa taa'ee
Iccitiin hin Maryanne-.

Bara woldhabbiin xinnoon
gola keenyatti uumamtu
Iyyaa daandiitti kaatum
Akka waan maatii yartuu.

Wojjin kolfa worrikoo
Alagaa garaa bofaa
Madaakoo bara darbee
baranas wojjin horfa.
Maal koottan gammadaree?
Ilkaan maalii naa kolfa?

Akka seenaan baanutti
Dur qe'een worra kootii
Galma kabajaati;
qe'ee ulfinaati!

Harra garuu
innan barsiifadhe
Suucuu uffadhee cabee-
Qabeenyaa fi humnakoo
Daguuggadhee-tti dhabee…

Safuu! ormaaf ergama;
Anaan na erraanfatee
Kan kiyya haa badu
Eenyummaa-saa dagatee!

Maal koottin gammadee
Maal kootti obsuree?
Gaddaaf gammachuukoon
Addaan foo'uu dadhabe
Itillee ciisichakoon
Anoo amantaa dhabe!

Maal koottan gammadaree
Anoo baraan baraneedha
Aannan irra taa'een
Bishaan booruu dheebodha.

Dhiiga kankoon jibba;
boo'ichakoon sirba

Hameessakoo ajjeeseen
Gadda-sheef gaala qala
Gola ormaa ijaareen
Kan kiyya diigaa bula.

Utuun ka'ee qoradhee
Worrikoo waa dhabaaree?
Ayyaantuu kamtu raagee
Qaalluu kamtu himaree?
Badii maaliin dalage
Maaltu akka na abaare?

Maaltu iddoo akka dabe
Utuun baree bu'uura
Anuu yaaroo hin laadhu;
Harran kuta afuura!

Lolchiisaa muree horde
korma daalacha qalee
daadhii jaaloodhaan dhaabee
Aarsaa Mirreen kanfalee

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
ilmoon Leencaa Leencumaa
Gootatu Goota Dhalcha
Ofii gootummaa qabaaf
goota biyyaaf gumaacha
Haceen wareegamullee
Yoom baderee maqaanii
Kaayyoo abbaa ceesisuuf
Nuuf dhuftekaa Wabiinii
Gootummaan Abbaa keetii
gadhee kan fincaasisuu
sis goota akka Hacee
Rabbi si haa Taasisuu

🖊️ Wabii Haacaaluu
@walaloo430
@walaloo430
#makmaaksa_Oromoo


"Utuu Sareen gurra fayyaa qoda-bukoo koo arraabdee jette jaartiin" jedhan!

-Mammaaksa Oromoo!



#join_us

@baacoowwan
#Qacaramtootaaf


Namichi sooressi Chaayinaa akkas jedhe: “Muuzii fi qarshii Jaldeessa fuuldura yoo kaa’an, Jaldeessi muuzaa filata sababni isaas qarshiidhan muuzii hedduu bitachuu akka danda’u waan hin beekneef.” Dhugaa dubbachuuf, namootaaf qacarri HOJII fi BIIZINASII yoo dhiheessite, namoonni baay’een BUSINESS tokko qacarri mindaa caalaa MAALLAQA maddisiisuu akka danda’u waan hin beekneef mindeeffamanii hojjechuu filatu.

Hiyyeessi hiyyeessa ta’uuf sababni jalqaba carraa daldalaa beekanii sammuun isaanii leenjiif qophii ta'uu dhabuu isaaniiti. Yeroo baay'ee mana barumsaa keessatti dabarsu, mana barumsaa keessatti wanti baratan ofiif hojjechuu dhiisanii mindaa argachuuf hojjechuudha. Mindaan jireenya kee akka jiraattu si ta'uu danda'a, bu'aan isaa garuu qabeenya siif maddisiisuu.


#qacaramtootaaf

@baacoowwan
kana dhageessanii?

Akka Saayokooloojiin jedhutti namootni baay'ee Depressed fi callisoo ta'an namoota biroo biratti akka Smart ilaalamu💥

Kanan dubbiserraayi! 😁😁😁

@baacoowwan
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Oliif gadi Fiigdanii
Hin fakkaatinaa raatuu
Dubbii dharaa afarsuun
Dhala namaaf hin taatuu..!

Siyaasni gaayyaa miti
Kan abbaan fedhe aarsu
Osoon barin barsiisuun
Laga naman ceessisuu...!

Hin dubbanneef malee
Argaa jirra hundinuu
Wal hadheessuuf fiiguurra
Wal sirreessuuf haloonu.

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Xib xib godhee imimmaan.

Boo'ee si deebisuufi
Hin arganne bakkakee
Kiisee sossobachuuf
Nan wallaalee akkakee

Akka nama ormaa
Garaa na dhokfattee
Gadoo qiimii guddaa
Narratti qabattee

Siif jedhee aaduukoo
Siif jedhee aaruukoo
Waan maraa dagattee
Utuun siif maraadhuu
Erga na baqattee

Anis maalan boo'aa
Xibxibgodhee imimmaan
Kan ofiin nama ganu
Jibbuu hin didu garaan

Kolfaan si geggeessaa
Beenu dhaqi dhimmakee
Anaaf sin qoodneefuu
Faannikee sigigaate

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Eenyummaa Deevid Alaabaa kana beektuu?

Kan dhalate Jarmanitti.🇩🇪
Kan guddate Ostiriyaa keessatti 🇦🇹
Abbaan isaa #Naayijeeriyaawwii🇳🇬
Harmeen isaa Filiippiins🇵🇭
Haati manaasaa Denmaark dha🇩🇰
Akaakayyuun isaa Koongoo🇨🇩

Yeroo ammaa kana Ispeen 🇪🇸 keessa jiraata. Maatiinsaa Ingilaand keessa jiraatu🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿.

(Alaabaan hordofaa amantii Kiristaanaa yoo ta'u Abbaan isaa Musliima, Harmeen isaa hordoftuu amantii Budihizimiiti.)

@isportf
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Warra wal jaallataniin
Laga tokkoo warabee
Uumaan haa ulfaatu ka
Kan kabajaaf sin dhaabe

Fagoo dhaapheen sin arge
Hin iftu Biiftuu gamaa
Gooftaatu siniif kenne
Gaa'ila Eebbifamaa

Dhugaa namatti toltuum
Jaalalli keessan adda
Akka Harbuu dagaagaa
Waliin Aarrii filadhaa!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Maaliif wal-nayyaanna sabaa
Waldhaabnee gabaa badii
Maqaa walballeessinnee
Ifumaan guyyaa adii

Dhiisaa Tokko haa taanuu
Hin taanuu ilmaan bofaa
Yeroo nuti facaanee
Adeemne qofa qofaa
Kana nuu beekaa sabaa
Rakkinat nutti cophaa*2

Osoo tokkoomuun jiruu
Faca'uu maa filanne?
Dibata nagaa dhiisnee
Cilaattii maa dibanne?
Takkaa gad fiiguu malee
Maaliif ol hin tiranne ?
Gaaffiin isin gaafadhe
Deebiimmoo hin arganne?
Ammas numan gaafadha
Maaliif waliin kakanne?
Waljajjabeessuurraatti
Abbaa gadaa filannee?
Oromoon bara baraan
Lammata akka hin salphanne*2

Maaliifuu itti yaadaa
Rakkoo kana nuuf furaa
Beektonni keenya hunduu
Warri taatan nu duraa
Akka sabni guddaan kun
Hin dhandhamne gidiraa
Maaliif Obbolaan manaa
Arrabaan wal_cicciraa
Gaheera haa dhaabbatu
Gadicha nuu jijjiirraa*2

Jedheen ka'een goolabaa
Garuu asitti hin dhaabu
Deebi'een dhufuun dhabu
Isan gorsemmoo hin gaabbu*2

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Eenyutu Hawaa (Universe) uume?
.
Waaqayyotti hin bu'inaa!
.
ALA'tti Jan 5, bara 2025 sagantaa artistootaa guddaa tokkotu ture. Baay'een keessan waan beektaniif dhimman ibsuuf hin qabu.
.
Golden Gloobe Award
.
Sagantaan kun artistoota Idil-Addunyaa ta'an badhaasuu fi hojii isaaniif 'recognition' kennuuf yaadamuun bara 1944'tti (ALA) hundeeffame.
.
Egaa sagantaa kanatu guyyaa 6 dura Kutaa Biyya Kaalifoorniyaa Hoteela beekamaa abbaa urjii 4 beverly Hilton Hotel jedhamutti geggeeffamaa ture. Artistoonni kaadhimamanis ta'e affeeraman heedduun argamaniiru.
.
Gidduutti 'poll' funaanuudhaaf gaaffii tokko dhiyeessan. Bifa koomeediitiin.
.
'Saganricharratti Maqaa eenyuuutu baay'ee waamame ykn si'a heedduu mention ta'e?
.
Isa booda tartiibaan geggeessituun waltajjichaa maqaa waamuutti kaate. Qabxii kennamee iskiriinii guddaa waltajjiirra jirurratti akka banamuuf dabaree dabareen ajajje.
.
Deebiiwwan kennnaman keessaa:
.
Si'a 13 mention ta'uudhaan 1ffaa kan kan ba'an: Taatota hojii aartii fi garee Pirodaakshinii yeroo ta'an,

Sadarkaa 2ffaanimmoo..jecha 'Mom jedhu ture.
.
Sadaffarraatti kan Waamame maqaa Waaqayyoo (GOD) yeroo ta'u kansaa iskiriiniirratti yeroo argamu Zeeroo ture.
.
Isaaf 0 kennan.

Geggeessituu waltajjichaas 'ohh Uumaan Hawaa kanaa zeeroo argate' jettee itti qoosuu eegalte..
..
.
Itti fuftees....'Magaalaa Waaqni hin jirre kana' jettee gara beeksisasheetti deebite..hunduu ni kolfe.
.
Borumtaasaa Abiddi jabaan amma addunyaan waa'eesaa dubbataa jiru kun ka'e...humni deebisus..humni qabus hin dhabame.
.
Ofiikeessaniin wal-lolaa..hiriyaakeessaniinis wal lolaa..garuu Waaqayyotti hin bu'inaa!
.
Inni guddaa fi sodaachisaa libsuu ijaa keessatti wanta fedhe gochuu danda'udha!
.
Lataa

@baacoowwan
@baacoowwan
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Waanta gochaa jirtu
Si argaatan turee
Qoonqoorra wal taa'uun
Sirriidhaa gaanfure?

Sitti toluu didee moo
Barreeffama kootu
Postii koo agartee
Maaf like hin gootu
😂😂😂

@walaloo430
Guyyaan tokko daqiiqaa meeqa qaba? Waggaan tokko hoo? Yaaddanii herregdanii beektuu? Guutuu isaa YouTube kana irraa argattu!
Subscribe godhaa

https://www.youtube.com/@TeacherD27
✍️. #makmaaksa_Oromoo



👣“Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani”

👂“Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee”

👁“Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa”

#Makmaaksa_Oromoo



@baacoowwan
✍️ #makmaaksa_Oromoo



"Bakka dhiiganii hin fiigan".


"Kana muranii kamiin fincaayan jette haati manaa ofirraan mura jennaan".

"Kaanittuu abbaa argadhu jette haati intalaan".


#Makmaaksa_Oromoo

@baacoowwan
#kana_dhageessanii?


Noorweey magaala Rjukan jedhamtu gaarreewwan gurguddoon marfamtee ifa aduu argachuu ishee rakkisa, kanarraa kan ka'es fuullee calaqqisuun ifa akka argatti taasifameera.



@baacoowwan
🦻#kana_dhageessanii?

Chaayinaa keessatti namootni gara Miliyoona 350 ta'an timbahoo xuuxu ykn harkisu kunimmoo baay'ina namoota USA olidha.


#kanan_dubbiserraa

@baacoowwan
#kana_dhageessanii?


📍Guyyaatti dhiirotni jechoota 2000 - 3000 yeroo dubbatan yon haasawan dubartootni gama isaaniitiin jechoota 5000 - 7000 haasawuu danda'u. Kunimmoo dachaadhaan nu caaluu isaanii agarsiisa.


#kanan_dubbiserraa


#haqa

@baacoowwan
👂#kana_dhageessanii?

mana fincaanii wayita deeman of qulqulleessuuf waraqaa ykn Sooftiin otoo hin uumamiin dura Amerikaanonni muka boqqolloo #qoroqondaa fayyadamu turan.😁😁

#kanan_dubbiserraa


#haqa

@baacoowwan
2025/02/23 03:33:33
Back to Top
HTML Embed Code: