tgoop.com/hii_xuu/231
Last Update:
~Beekaa?~~
Beekaa? hin beeku waanin yakke
Kan ayyaanni kee narraa sokke
Si qorannaan koo si hubachuuf
Iyyafannoon koo si argachuuf,
......Garuu......!
Garuu hin taane nat-fakkaate
Edaa kee faanni, dur fagaate
Natu coraa bade of yaaddeessa
Qabsiisa kee dhameen, of bobeessa
Akka waan jirtu at na bira
Miira hin argamneen of uggura
Argama kee dhiyeeffadhee
Callisuu kees dhaggeeffadhee
Akka jirreetti har’a ga'e
Kiyya golli ona ta’e
An hin yaalle si dagachuu
Kudhaama kee kute gatee
Waadaa ormaa sobee baachuu
Lubbuu kiyyat siif kakate
Kun yoom ife sitti halkanii
Agartuun kee fageessanii
Akkan ta'uuf akkan jiru
Waan garaa koo hin argani
Har'as beekaa? Lakki hinbarre
Fulleeffadhees hin agarre
Yoo dhageesse koo sagalee
Barun fedha an har'allee!
✍ @milkiimagarsaa
@hii_xuu
BY Hiixuu!
Share with your friend now:
tgoop.com/hii_xuu/231