tgoop.com/oro_motivate/831
Last Update:
Sukkaara jireenya
Maalif bunatti☕ sukkaara
naqxanii dhugdu____?
maal rakkoo qaba akkasumatti sukkaara malee yoo dhugdan?
nii hadhaawafi mitii kan sukkaara fayyadamtan? ykn immoo akkuma bishaanii akka dhama hin dhabneefi, kan sukkaara fayyadamnu!
walumaa galatti sukkaara fayyadamuun keenya buna sana sirriitti mi'eessufi.
har'a immoo maal odeessita🤷♂ jechuu dandeessu, wanta isin ajaa'ibu garuu, jireenyi keenyas isa kanaan wal qabata.
namoota baay'etti jireenyi kan itti hadhaawu, jireenyi namoota baay'ee akkuma bishaanii kan dhama dhabu, sukkaara malee waan jiraachaa jiraniifi.
buna dhuguu hawwita taanan, yeroo bunichi sitti hadhaa'ee, buna sana gadi naquun ykn dhiiistee deemun hawwii sin baasu.
jireenya kee keessattis, abdii kutuun, araada adda keessa seenun, ganamaa galgala of nyaachun jireenya kee siif hin mi'eessu.
wanti jireenya kee siif mi'eessu innii jalqabaa qarshiidha siin hin jedhu. qarshiin nii dhuma kaa🤷!
qarshii barbaadun dura uumaa kee barbaadi. Amantaan kee waan fedhe ta'uu danda'a. Yeroo uumaa keetitti dhihaatte, dhugaan sitti hima🧏 qarshiin sin yaaddessu. yoo uuman kee siif eebbise qarshii xiqqoon ati amma of harkaa qabdu tun bara baay'ee si geessi.
walumaa galatti sukkaarri jireenya keessani uumaa keessani jechuumafi
Ani michuu keessan
@oro_motivate
oolmaa mi'ooftuu🌅
isiniif hawweera 🙏🏼
BY Oro Motivate
Share with your friend now:
tgoop.com/oro_motivate/831