tgoop.com/oro_motivate/837
Last Update:
Of irratti xiyyeeffadhu
Gammaduuf mirga guutuu akka qabdu beektullee, Namoonni sababa keetin akka gammadanii fi boqonnaa akka argatan eegun kee balaaf si saaxila. Harkisa/xiyyeeffanna namootaa yoo hin qabaatin, yoo hin dinqisiifatamin, jajjabinni yoo siif hin taasifamin dhiphina tokko malee ofumaaf of jajjabeessi, ofumaaf of dinqisiifadhu. Dabalata immoo anis waanan si jaaladhuuf sin dinqisiifadha❤️🩹. hojii keetin gammachuu yoo hin argatin wanti alarraa dhufu kamiiyyuu akka gammachuu siif hin kennine beeki, siif kennus immoo yeroof qofa akka ta'e beeki. Namni of irratti hin xiyyeeffanne miira namaa harkisuu hin danda'an. Miira namaa harkisuu feeta taanan callisii sababa malee gammadi, waa'ee namaa dagadhuutii kaayyoo kee irratti yaadaa fi humna kee dhangalaasi. Sana booda dabareen tee taati.
isin jaalatamtoota
@oro_motivate
oolmaa gaarii🙏
BY Oro Motivate
Share with your friend now:
tgoop.com/oro_motivate/837