tgoop.com/oroquotes/4955
Last Update:
3.Of ta'i:-
Dachii kanarratti Wanti akka nama biraa fakkachuu ulfaatu maaltu Jira? Nama biraa fakkachuuf Yeroo shaakaltu kan Wal loltu nama biraati wajji osoo hin taane Matuma keeti wajji, kanaafuu Mataa kee hin mufachiisin, aanaan kee kan Dhugaa ati Akkuma jirtutti si qeebala, waa hundaa ol of ta'uudhan Mataa keeti wajji nagaa uumi.
4.Hunda gammachiisuf hin shaakalin:-
Waan takka Yeroo gootu Namoonni akka sirraa gammadaniif jattee osoo hin ta'in Waan sirrii fi Waan itti amante Waan ta'eef ta'uu qaba,
Dachii kanarratti hanga feetellee nama gaarii yoo taates nama hunda gammachisuu hin dandeessu, kanaafuu wantoonni Ati gootu sammuu keeti wajji hanga Wal ta'etti gahaadha, Namaaf osoo hin ta'in namummaa keetif jiraadhu.
5.Gammachuu kijibaa hin barbaadin:-
Gammachuu sobaati fi gammachuu Dhugaa jidduu garagarummaa guddaatu Jira.
Gammachuun Sobaa.. Kan Yerooti fi Wantoota Alaa arganurraa kan dhufuudha. Gadda keenya yeroodhaf kan nu dhoysu obsisiistuu (mastagashaa) yeroodhati.
Gammachuun Dhugaa garuu Miira Yeroo yaadonni keenya, kaayyon keenya fi eenyummaan keenya walitti hidhamu uumamu sani gammachuu gaddaa fi rakkoo keenya osoo hin dhokatin ittiin obsinu sani.
....itti fufa...
@oroquotes
@ilmanesruu
👍👍👍
BY Sammuu kee jijjiiri
Share with your friend now:
tgoop.com/oroquotes/4955