tgoop.com/sooliyaanaa/7
Last Update:
⏩ DUBBII WAAQAYYOO
Mataduree waa'ee waaqayyoo itti qo'annu dha
Kutaa kanattis kan ilaallu eenyummaa waaqayyoo, ibsamoota isaa fi amaloota isaati.
⏩✟ jiraachuu waaqayyoo
Barnoonni waa'ee jiraachuu waaqayyoo itti qo'annu kuni afaan gi'iiziitiin "hallewe" (ሀለወ)" jecha jedhu irraa kan argame yemmuu ta'u hiini isaas jiraachuu jechuudha.
❖jiraachuu amantaatiif bu'uurri isaa jiraachuu waaqayyooti amantaan jiraannaan waaqayyo jira jechuudha
❖ Baay'een isaanii "yeroo waaqayyoon argamutti barbaadaa yoo dhiyaatee jirus waamaa." Isa 55፥6 jedhamaa dhiiba'inna isaaniitiin qoratanii beekuu dadhabuudhaan qofa waaqayyoon hin jiru jechuu barbaadu "dhibaa'aan laphee isaatiin waaqayyo hin jiru jedha." Akkuma jedhame. Far 52፥1 nuti kiristaanonni addugnaa baay'een isaanii humni tokko jira jedhanii osoo itti hin amanin kan waaman ofiisaatii argamsiisaa kan hin qabne barri waggaan guyyaaniifi ji'i kan hin lakkaa'amneef dur irraa bara waggaa ji'aafi guyyaa dersee kan ture uumamtoota hunda kan uume kan bulchuufi boodas sirnaan kan dabarsu waaqayyo waaqa bara baraati in ture jira ni jiraatas jennee ni amanna.
⏩ ❖ Waaqayyoonis jiraachuu isaa karaalee gargaraatiin nuuf ibsee jira
✟ A seera uumamaatiin ( uumama addunyaatiin)
✟ B sagaleedhaan ( jechaaf jechaan nama waliin dubbachuudhaan)
✟C dubbachiisuu hafuura qulqulluutiin kitaaba qulqulluu barraa'aniin
✟ A) Seera uumamaatiin
Uumamtoonni waaqayyo isaan uume ykn hojiinsaa jiraachuusaa ragaa ni bahuuf.
Akkuma ogeessi ijaarsaa tokko gamoo hojjeteen beekkamu jechuudha.
Akkasumas uumama uumr hunda kennaa isaatiin kan sooru fi kan bulchu waaqayyo tokko qofa.
Waaqummaansaa uumama addunyaarraa jalqabee hojjetamaniin akka beekame qulqulluun phaawuloos nuuf ibseera. Roomee 1፥20.
Hojii 14፥17 irrattis ofiisaa ragaa malee akka hin dhiisne nuuf ibsee jira
Faar 19፥1, maar yis boq 1 keyya 2 ibro 1፥13
✟ B) sagaleedhaan ( jechaaf jechaan) nama waliin dubbachuudhaan
Waaqayyoon akka fakkeenyaafi bifa isaatti kan uume ilma namaa wajjiin jechaaf jechaan dubbachuun of ibseera
Uma 2፥16 ➡ abbaa keenya addaam wajjiin
Uma 9፥1 ➡ noohiifi ilmaan isaatti
Ba'u 33፥11 ➡ raajicha muusee wajjiin fuula fuulatti waliin ni dubbata ture.
Ba'u 3፥14 . ....
✟ C) Dubbachiisuufi kakaasuu hafuura qulqulluutiin kitaaba qulqulluu barraa'aniin
➡✟ Kitaaba qulqulluu bannee fuula jalqabaarraa kaasnee dubbisuu osoo jalqabnee " waaqayyo jalqabatti samiifi lafa uume " dubbisa jedhu qofa yoo ilaalle salphumatti waan sadi nu hubachiisa 1) samiifi lafti jiraachuu isaanii
2) uumaafi argamsiisaan isaanii waaqayyo ta'uu isaa.
3) samiifi lafti kan uumaman kan argama ta'uu isaanii
➡Kanaafuu addunyaan kun tasa canacala ifaa tasa kan argame osoo hin ta'in waaqayyoodhaan kan uummame ta'uusaa ni amanna jechuudha.
⏩✞ Erm 51፥15, mul'a 10፥5, faar 23(24)፥3, faar101(102)፥ 25 faar 145(146)፥ 1 caqasawwan kunniin waa'ee waaqayyoo Waaqummaasaa akkasumas uumaa ta'uusaa nuuf ibsu.
✟⏩ Barnoota amantaatiin ibsitoota waaqummaa
A) ✞ Inni isaan biroo kan qoratu uumama biraatiin kan hin qoramne kan hin daangeffamne hafuura hin muul'anne hundumarratti aangoo kan qabu mootii hundaa gaggeessaafi bulchaa hundaa ti. iyyoob 36፥26
B) ✞ inni hunda osoo fidee osoo argamsiisee yoo dabarse malee isaaf kan isa fiduufi kan dabarsu kan hin bara baraan kan jiraatu dha. Mu'a 4፥8-12
C) ✞ inni jalqabaafi xumura (kan jiruufi kan jiraatu) kan ta'e akkeenya isaatiin tokkimmaafi sadummaa kan qabu kan duraafi kan boodaati. Mul'a 22፥13 isa 43፥10
D) ✞ inni kan muul'atuufi kan hin muul'nne hunda aangoofi dandeettii isaatiin gorsaa tokko malee kan argamsiisedha. Isa 40፥12-14
❖⏩ Amaloota ( Akkeenyummaa) Waaqayyoo
❖ Akkeenya waaqayyoo yoo jennu qabeenya isaa qofa kan ta'e eenyumarraayyuu kan hin fudhanne uumama biraaf kennaan osoo kennee kan jalaa hin hir'anne fi kan hin qoratamne jechuudha.
BY ✟✞Yaa'ii mooraa caamoo ❖
Share with your friend now:
tgoop.com/sooliyaanaa/7