Telegram Web
"Baatii Ammajjii keessaa dhiigaa walitti qabuuf waan rakkanneef qormaata guddaa keessa jirra":- Baankiin dhiigaa fi Tishuu Itoophiyaa

Baatiiwwan biroon addatti baatii Ammajjii keessaa sababoota garagaraatiin dhiiga walitti qabuuf akka rakkatu Tajaajilli baankii dhiigaa fi Tishuu Itoophiyaa Tikvaah Itoophiyaaf ibseera.

Baankichis hamma dhiigaa baatii Ammajjii keessaa walitti qabuuf karoorse keessaa %60 gadi walitti qabu isaa ibsuun hawaasni dammaqinaan dhiiga arjoomu akka qabu dhaamaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#Ajjeechaa_DrAndualem

Yunivarsiitii Baahir Daar Kolleejjii Fayyaa fi Saayinsii Fayyaa keessatti ogeessa baqaqsanii Yaaluu waliigalaa fi ogeessa tiruu fi garaachaa, qorataa, barsiisaa, fi daayreektarri kutaa tajaajila baqaqsanii hodhuu Hospitaala Ispeeshaalaayizd Tibebe Giyoon kan ta'e Dr Andu'aalem humnoota hin beekamneen guyyya muraaaa dura ajjeefameera.

Gaafa Amajjii 24/2017 galgala naannoo sa’aatii 1:30tti Dr. Andu'aalem Dagan hojii booda gara mana jireenyaa isaanii osoo deemaa jiruu nama eenyummaan isaa hin beekkamneen ajjeefamuu poolisiin ibseera.

Yuunivarsiitichi ajjeechaa Dr. Andualem irratti qorannoon ''gadi fageenyaa fi iftoomina'' akka gaggeeffamuuf gaafatera.

Ajjeechaa kana eenyu akka raawwate hanga ammaatti hin ibsamne.

Miseensonni hawaasaa Yunivarsiitii Baahir Daar dhaadannoo "Haqni Doktaraaf, jedhuun hiriira gaggeessan Yunivarsitichi fuula feesbuukii isaa irratti beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo
"Finfinnee irraa ka'uun daandiiwwan saffisaa afur ijaaruuf qoratamaa jiru " Bulchiinsa Dandiiwwan Itoophiyaa

Daandiiwwan saffisaa haaraa afur Finfinnee irraa gara kutaalee biyyaatti garaagaraatii bahan ijaaruuf qorannoo gaggeessaa jiraachuu Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksise.

Daandiiwwan saffisaa qoratamaa jiranis:-

👉 Daandii Finfinnee- Jimma geessu,
👉 Daandii Finfinnee- Dassee gessuu,
👉 Daandii Finfinnee - Dabra Maarqoos gessuu fi
👉 Daandii Finfinnee -Naqamtee geessu ijaaruuf karoorfamuun ibsameera.

Haala qorannichaan pirojektoonni daandii kunneen g/g dheerina kiiloo meetira 300 kan qabaatan yoo ta’u, hojiin isaaniis marsaa garaagaraatti qoodamee kan hojjetamu ta'uun ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
Biiroon Fayyaa Oromiyaa ambulaansota 100 ol dhaabbilee fayyaa hanqina qabaniif raabse

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Ambulaansota 109 Ministeera Fayyaa irraa argate hospitaalota fi baankilee dhiigaa dabalatee dhaabbilee fayyaa godinaalee fi magaalota garagaraa keessatti argamaniifi hanqina Ambulaansii qabaniif raabsuu beeksise.

Sagantaa walharkaa fuudhinsaa irratti hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaanat Warqinah argamuun haasawa taasisaniin, Ambulaansota kanneen kenna tajaajila fayyaa haadholii, daa'immanii fi namoota yaala ariifachiisaa barbaadaniif oolchuuf akka gargaaru himan.

Kunis kenna tajaajila fayyaa naannichaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan kaasan Piroofesar Natsaannat, haata’u malee ambulaansota kana tajaajila kanneenii ala itti fayyadamuun kan gaafachiisu ta'uu hubachiisaniiru. #As

@tikvahethafaanoromoo
TIKVAH AFAAN OROMOO
"Saala lama qofatu jira. Innis dhiiraa fi durba dha" - Pirezidaanti Tiraamp Pirezidaantiin Ameerikaa 47ffaan Doonaald Tiraamp guyyaa har'aa erga aangoo qabatanii booda hojiiwwan gurguddoo hojjatan keessaa tokko biyyattii keessatti saala dhiiraa fi dubaraa…
Saala jijjiirtonni ispoortii dubartootaa irratti hin hirmaatan:- Tiraamp

Pirezidantiin US, Doonaaldi Tiraampi namoonni saala isaanii jijjiirrachuun dubartii tahan akka dorgommii ispoortii dubartootaa keessatti hin hirmaanneef aangoo pirezidantummaa isaanii fayyadamuun mallatteessan.

Ajajni pirezidantichi dabarse qajeelfama, danbii fi hiikaa seeraa qaba. Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa seera kana hin kabajne akka qoratuuf ajajni darbeera.

Rippaabilkaanonni kun ispoortii keessatti haqii fi wal qixxummaan akka jiraatuufidha jedhu.

Garuu jaarmiyaaleen mirga jaalattoota saala wal fakkaatoof falman murtoo kana qoollifannaa jechuun balaaleffatan.

Murtoon kun atattamaan kan hojiirra oolu yoo tahu, irra caalaa manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, yuunvarsiitiiwwanii fi dorgommii ispoortii kaanis ilaallata.

Jaarmiyaalee gurguddoon ispoortii akka atileetiksii, golfii fi bishaan daakaa hogganan durumaanuu sadarkaa dorgommii ga'eessotaatti namoota saala jijjiirrachuun dubartii tahan dorgommii ispoortii dubartootaa keessaa haqaniiru.

Murtoo Tiraampi amma dabarse ministeerri barnootaa biyyattii manneetii barnootaa seera kana cabsan akka qoratuu fi hordofuuf inumaayyuu aangoo caalu kenneeraaf. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
#Finfinnee

Poolisiin Federaalaa Baatiiwwan ja’an darban bu’aa qorannoo fooransikii ka’umsa balaawwan ibiddaa 103 Magaalaa Finfinnee fi naannawaa birootti mudatanii ifoomse.

Haaluma kanaan balaawwan ibiddaa:-

👉Rakkoo teekinikaa elektirikiin 50
👉Rakkoo makaanikaalaan 10
👉Itti yaadamee namaan kan mudate 10
👉Dhibaa’ummaan 17 fi
👉Rakkoolee birootiin 15 akka mudatan mirkaneesseera.

Magaalaa Finfinneetti baatii jahan darban qofa balaawwan ibiddaa 96 yoo mudatan naannolee birootti ammoo torba mudachuu beeksiseera.

Balaawwan mudataaniin

👉 Manneen jireenyaa 582,
👉 Konkolaattotaa 12,
👉 Manneen daldalaa kuma 1,965,
👉 Warshaalee ja’aa fi dhaabbilee gara garaa sababa ibiddaan miidhaan qaqqabuu ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
TIKVAH AFAAN OROMOO
#Boba_aa Beenzilli liitira tokkoo birrii 101.47 yoo galu, Naafxaan (diizilli) liitira tokkoo birrii 98.98 ta'ee jira. Guyyaa har’aa gatiin gurgurtaa oomishaalee boba’aa dabaleera. Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa Muddee 29…
#Boba_aa

Gatiin boba'aa haaluma tureen itti fufa.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo oomishaalee boba’aa ji’a Ammajjii 2017 tureen daballii gatii tokko malee akka itti fufu Ministirri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo ibseera.

Haaluma kanaan:

➡️Benzila liitira tokkoo Birrii 101.47

➡️Naafxaan liitira tokko Birrii 98.98,

➡️Keeroosiinii liitira tokko Birrii 98.98

➡️Boba'aan xiyyaaraa Birrii 109.56

➡️Naafxaa gurraacha ulfaataa liitira tokko Birrii 105.97  fi

➡️Naafxaan gurraachi salphaa liitira tokko Birrii 108.30n akka gurguramu murtaa'eera.

#boba'aa #Itoophiyaa

@tikvahethafaanoromoo
"Dhiibbaan jira taanaan hojii gadhiisaa"- Komishinara KMNI

Hogganaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ta'un kan muudaman Obbo Birhaanuu Adeeloo hojii haaraa itti muudaman sirnaan akka hin hojjanne dhiibbaan mootummaa irra gaha taanaan aangoo akka gadhiisan himan.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka gaggeessaniif "eeruu namni kenneen" filamuu kan kan himan Obbo Birhaanuun gaafa itti himamu fudhachuufis dhiisuufis miira wal-makaa keessa akka turan dubbatu.

Hojii mootummaarraa waggootaaf fagaatanii turanis "biyyaafi ummata tajaajiluuf" carraa gaarii ta'ee waan itti mul'ateef itti gaafatamummaa kana tole jedhanii fudhachuu himu. Komishinicha gaggeessuufis "dandeettii fi beekumsa" qabaachuu himan.

Turtii isaanii keessatti hojiiwwan bu'uuraa sadi hojjachuuf karoorfachuu himan. Isaanis sarbama mirga namaa dhaabsisuuf hubannoo uumuu, dhiibbaa alaa tokko malee “sirnaan qorachuu”, akkasumas "kanneen yakka hojjatan akka seeraaf dhiyaatan, warri miidhaan irra gahe beenyaa akka argatan gochuu" ta’uu ibsu.

Maadii:BBC

@tikvahethafaanoromoo
Tiraamp Afrikaa Kibbaarra qoqqobbii kaa'e

Pirezidaantin US Doonald Tiraamp deeggarsi maallaqaa Afrikaa Kibbaaf kennamaa ture akka adda citu ajaja pirezidaantummaa mallatteesse.

Sababni isaa maalii dha?

1ffaa- Afrikaan Kibbaa warra adii achi jiraatan irraa lafa fudhachuuf seera loogii qabu baaste jechuun ..

2ffaa- Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii (genocide) gaggeessite jechuun Afrikaan Kibbaa Mana Murtii Haqa Idiladdunyaa (ICJ)tti himachuusheeti.

Michuu Tiraamp fi dureessa addunyaa kan ta'e Elon Maask hiddi dhalootasaa Afrikaa Kibbaa ta'us, Tiraamp deeggaruun Afrikaan Kibbaa 'sanyii bu'uura godhachuun lafa irraa fudhataa jirti' jechuun X gubbaatti bulchiinsa Siiril Raamaafoosaa qeeqee jira.

Waajjirri Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosan Elon Maaskitti bilbiluun Tiraamp akka irraa tasgabbeessufi seera biyyattii waa'ee lafaa ilaalchistee baaste sirnaan akka hubachiisu gaafachuu torbanuma kana ibsee ture.

Pirezidaant Siiril Ramaafoosaa garuu, seerri biyyattiin baaste uummanni bifa haqa qabeessa ta'een lafatti akka fayyadamu kan godhuudha jechuun Tiraamp seericha akka hin taanetti hubachuu himanii ture.

Seerri Afrikaan Kibbaa baaste, lafa seeran ala warra adii harka jiru beenyaa malee akki itti irraa fudhatamu akka jiru ni hima.

Kana bu'uura godhachuun Tiraamp Afrikaan Kibbaa 'garee tokkorratti xiyyeeffachuun' lafa beenyaa malee irraa fuudhun mirgasaanii sarbite jechuun qoqqobbii deeggarsa irraa dhaabuu irra kaa'e.

Afrikaan Kibbaa gita bittaa sirna Appartaayidii jalaa erga baatee booda, abbummaan lafaa gaaffii cimaa hanga ammaa deebii hin argatin jiruufi falmisiisaa ta'ee hafeedha.

@tikvahethafaanoromoo
"Daa'imman 330 ol ta'an hanqinna nyaataan du'an"' Dhaabbata Fayyaa Itoophiyaa

Ji'oota jahan darban haadholiin 620 da'umsa irratti lubbu isaani kan dhaban yoo ta'u, daa'imman 330 oli ta'an hanqinna nyaatatiin du'uu isaanii gabaasni Inistiitiyuutii fayya hawaasa Itoophiyaa ni mul'isa.

Dhaabbatichi gabaasa walakkaa waggaa dhiyeesseen Ji'oota jahan darban keessatti hanqinni nyaata guddaan akka biyyaatti waan muudateef daa'imman 352 yoo du'an, daa'imman 232,389 immoo dhibeef saxilamuu ibseera.

Maddi: Ripportara

@tikvahethafaanoromoo
2025/02/11 05:05:56
Back to Top
HTML Embed Code: